Waaqa
(Waaqayyo irra kan qajeele)
Waaqa tuquun Wikshinarii irraa hiika isaa ilaali. |
Waaqni, akka Oromoon amanutti, kan samii fi lafa uume fi kan hundaa ol ta'e.
Maqaa
gulaaliAfaan Oromoo keessatti, Waaqni maqaa baayyee qaba. Isaanis:
- Waaqa
- Rabbii
- Waaqayyo
- Uumaa
- Gooftaa
- Waaqa tokkicha
- Waaqa gurraacha
- Abbaa koo
- Waaqa garaa gurraachaa (Waaqa with holy heart)
- Waaqa gurraacha garaa garba (black God with heart like ocean)
Amaloota Waaqaa
gulaali- Uumaa (a creator of everything in the world)
- Hunda beekaa (omniscient)
- Hundaa tolaa (omni benevolent.
- Hunda danda'aa (omnipotent).
- Qulqulluu (pure)
- mudaa kan hin qabne
- gaarii
Waaqeffannaa fi Ilaalcha Waaqaa
gulaaliWarri Waaqeffattootaa ilaalcha Waaqaaf qaban mammaksa kanaan ibsatu "Waaq humna malee bifa hin qabu". Waaqeffattoonni Waaqni akka waan qaama qaqqabatamu qabuutti ilaaluu hin yaalan, sababiinsaas uumamni Inni uume kana ijaan argamuu fi qaqqabatamu hundi kan Waaqa mullisan waan ta'eef. Waaqeffattoonnii fi Qaalluu ykn Qaallittii baayyee jaallatamoo dha; keessaahuu geggeessitoonni garmalee waan nama jaalataniif waan jaalalli mataansaa nama ta'ee dhufe fakkaata.
Mammaaksa
gulaali- Waaqa malee, gaariin hin jiru (There is no one who is kind except God)
- Waan Waaqni fide lafti ba'aa hin dadhabu (Whatever God brings the Earth does not fail to carry it).
- Namno yaa Waaqi jedhe Waaqarraa hindhabu (One who worships God will get everything)
Wabii
gulaali- Bartels, Lambert (1983) Oromo religion: myths and rites of the Western Oromo of Ethiopia, an attempt to understand