Sirni bullaa’insa nyaataa


Nyaanni karaa afaaniin gara keessatti fudhannu molekiyuloota gurguddoo irraa kan ijaarameedha. Molekiyuloonni gurguddoo kunniin bullaa’uun gara molekiyuloota xixiqqootti yoo jijjiiraman malee qaamaaf faayidaa kennuu hin danda’an. Sirni bullaa’insa nyaataa; nyaata fudhachuu, bulleesuufi xuuxamuu nyaataa of- keessatti hamata.

Qaamoolee Sirna Bulla'insa Nyaataa

Sirni bulaa’insa nyaataa jalqabaa hanga dhumaatti ujummoo keessi isaa banamaa ta’e kan qabu yommuu ta’u, innis wal-duraa duubaan caasaalee afaan, isoofagasii, garaacha, mar’imaan qal’aa, mar’imaan furdaa, buubbuufi qaawwa munnee of-keessatti qabata . Nyaanni afaaniin seene afaan keessatti bulaa’uu eegaluun sadarkaa sadarkaan adeemsa bullaa’insaa keessa darbuun bu’aan bullaa’insaa mar’immaan qal’aa keessatti xuuxamuu. Kannen hinbullooneefi hinfayyadne garuu bishaan karaa mar’immaan furdaa keessaa xuuxamuun qaawwa munneen gara alaatti dhabamsiisama