Sanyii
Xin-Biqila keessatti, sanyii miciree biqiltootaa fi kuufama nyaataa hin guddanne kan haguuggii alaa eegumsaa kan Qola sanyii (testa) jedhamu keessatti marfameedha. Walumaagalatti, jechi "sanyii" jedhu waan facaafamuu danda'u kamiyyuu jechuudha, kunis sanyii fi qola ykn qoccee dabalatee ta'uu danda'a. Sanyiiwwan bu'aa oovuulii bilchaate yoo ta'u, erga kiisha miciree isparmii pooliin irraa argamuun walhormaata, zaayigootii uumuun booda . Micireen sanyii tokko keessa jiru zaayigootii irraa guddachuun naannoo oovaaliitti kootii sanyii uumuun, guddinni osoo hin dhaabatin biqiltuu haadha keessaa hamma murtaa’e tokkotti guddata.
Qaamawwani fi Dagaaginna micire
gulaaliSadarkaalee guddina sanyii : - Maayikiroopaayilii(qaawa bishaanii): qaawwa bishaan gara keessa sanyiitti dabarsuuf gargaaru dha.
- Kotiliidanoota(Fiilloo ykn baala sanyii): Sanyiin lubbuu waan qabuuf ni soorata. Kanas kan argatu nyaata sanyii keessatti kuufamee irraa ti.
- Miciree: Micireen qaama sanyii keessa sanyiitti argamuu dha. Micireen magarree(piluumuliin) fi hiddala ykn curcaaroo (raadikilii) of keessaa qaba. Raadikiliin qaama miciree gara hiddaatti guddatuu dha. Akkasumas, piluumuliin qaama miciree gara jirmaatti guddatuu dha.
- Soora sanyii (Endosperm):-tishuu sanyii angiosperms (biqiltoota daraaraa) keessatti miciree marsee sooru .
- Soomayyoo ykn Hoffaa ykn jirmuta (Hypocotyl):- soomayyoo kutaa jirma biqiltuu miciree tokkoo kan citaa baala sanyii ykn firqii jala jiruu fi kallattiin hiddaa olitti argamudha. Hoffaan ykn soomayyoon jirma micirees jedhamuun beekkamuu.
- Shaafo (Epicotyl):- shaafoon biqiltuu micireewwanii kootiileedoonoota olitti argamudha. Biqiltoota baay’ee keessatti shaafoon dhuma irratti gara baala biqiltuutti ni guddata.