Sammuun ykn Surrii ilma namaa qaama addaati. Qaamni keenya hedduun isaa Ajaja sammuutti haajama.  Wanti ijji argitu sammuudhaan hiikni itti kennama. Wanti gurri dhagahuufi wanti funyaan fuunfatus sammuudhaan hiika argata. Gurris dambalii seene gara dhaamsa hiika qabutti jijjiiruuf sammutti haajama. Arrabnis waan dhandhame adda baafatuuf gargaarsa sammuu barbaada. Walumaa galatti wanti qaama keenya keessa jiru irra hedduun gargaarsa sammuutti haajama.

caasaalee

gulaali

Sammuun keenya haga kiloograama 1.5 ulfaata. Ulfaatinni isaa kunis ulfaatina qaama keenyaa keessaa dhibbantaa lama qofa ta’a. Haa ta’u malee anniisaa qaamni keenya fayyadamu keessaa anniisaa dhibbantaa 20 ta’u sammutu fayyadama. Sammuun keenya bakka sadihitti qoodama. Sammuu fuulduraa, Sammuu jidduu fi sammuu duubaati. Sammuun duraa, qaamman uqqubunnee(Cerebrum), diinqarrii(thalamus) fi Jaldiinqarrii(hypothalamus ) jedhaman of keessaa qaba. Sammuun jidduu ammoo tectum fi tegmentum qaamota jedhaman of keessaa qaba. Sammuun duubaa ammoo, Surrerqaa(cerebellum), nooree(pons ) fi hangullaa of keessaa qaba.

Qaamman sammuu kanniin keessaa kan jiruu ilma namaa keessatti qooda guddaa qaban sadihi. Isaanis; uqqubunnee(cerebrum), Surrerqaa(cerebellum) fi Hangullaa diriiraa (medulla oblongata ) jedhamu.  uqqubunnee(cerebrum)n qaama guddicha sammuu keessaati. Ulfaatina sammuu keenyaa keessaa, dhibbantaa 85 kan ta’us qaama uqqubunnee(cerebrum) jedhamu kana. Dalagaa heddus isatu toohata. Wantoota qaama miiraa keenyaan gama sammuu ergaman, uqqubunnee(cerebrum) kanatu hiikkaa itti kenna.

Qaamni lammataa Surrerqaa(cerebellum)dha. Surrerqaa(cerebellum)n maqaa little brain ykn ammoo sammuu xiqqoo jedhamuunis ni waamama. Dalagaan isaa sosochii qaama keenyaatii fi madaala qaama keenyaa eeguudha. Dalagaan hangullaa ammoo sammuu keenya spinal cord ykn  lafee dugdaatiin wal qunnamsiisuudha. Akkasumas wantoota too’annaa keenyaan ala jiran too’achuudha. kunniinis, dhahannaa onnee, sirna soorata daakinsaa fi sirna hargansuu keenya kan toohatu qaama hangullaa jedhamu kana.

Aarsituuleen qaama keenya keessa jiran hedduun isaanii qaama duguguruu(spinal cord) jedhamuun hidhata qaban. Aarsituuleen hafan 12 garuu qajeela sammuu waliin hidhannoo qaban. Dalagaan Aarsituu kanniiniitis, sirna qaamaa kan mormaa olii too’achuudha. Akkasumas dhahannaan onnee keenyaatis Aarsituu sammuu keessa jiruun toohatama.

Sammuun keenya lubbiyyooleen Aarsituu biiliyoonaan laakkawaman qaba. lubbiyyooleen kunniinis, dhaamsa qaama keenya irraa dhufu fuudhuudhaan sammutti dabarsu. Fakkeenyaaf quba miilaa sochoosuu yoo barbaanne, lubbiyyoo qubaatu dhaamsa gara sammuu dabarsa. Qaama biraa sochoosus yoo barbaanne, akkasumas lubbiyyoo biraattu dhaamsa dabarsa. Oksijiinii qaamni keenya argatu keessaa, dhibbantaa 25 waan ta’u kan fudhatu sammuu keenya. Oksijiiniin daqiiqaa kudhaniif qofa osoo sammuu irraa dhaabbatee, sammuun keenya guutumaan guututti dalagaa dhaab

a.

Ilmi namaa gaafa dhalatu irraa kaasee, lubbiyyooleen heddu qaba. Haa ta’u malee yeroo daa’imni dhalatu sanitti lubbiyyooleen hundi sammuu waliin hidhata hin qaban. Adaduma lubbiyyooleen sunniin sammuun wal tuquu jalqabniin, daa’imni sunis wantoota gargaraa baratuu jalqaba. Fakkeenyaaf daa’imni tokko dhaabbatuudhaaf lubbiyyoon miilaa kan sammuu  keessa jiru sammuudhaan wal tuquu qaba. Gaafa lubbiyyoon miilaa kan sammuu keessa jiru sammuudhaan wal tuqe daa’imni ka’ee dhaabbachuu danda’a jechuudha.

Qabxiin ijoo kan biraa, buqqeen sammuu haguugee argamu lafee garagaraa 22 irraa ijaarame. Buqqee kanaan gaditti ammoo dhangalaa sammuu duguguraa (cerebrospinal) jedhamutu jira. Dhangala’aan kunis sammuun keenya cinqaa fi dhiphina takkaan maletti akka sosocho’u isa godha.

Bakka argama sammuu

gulaali

Sammuun lafee mataa keessaa kan marfame yoo ta’u, kunis eegumsa fuulduraa, cinaachaa fi duubaa kenna. Buqqeen mataan lafee 22 kan of keessaa qabu yoo ta’u, isaan keessaa 14 lafee fuula yoo ta’u, 8 hafan ammoo lafee qadaadduu sammuu uumu. Akka anatoomii sammuun qadaadduu sammuu(cranium) keessattii kan argamu yoo ta’u, dhangala’aa sammuudugugguruun marfamee argama.

Dhangala’aan sammuudugugguruun (CSF) dhangala’aa mataa fi dugugguruu keessa naanna’ee, dirraa sammuu qaawwa qabu kan  guutuunii araganiidha. Guyyaa guyyaan lubbiyyooleen keessooribee (ependymal) addaa naannoo 500mL dhangala’aa ssammuudugugguruu uumu.

Dalagaan CSF inni ijoon sammuuf akka ittistuu ta’ee hojjechuu, rifannoo makaanikaa tasgabeessuu fi hurguffii xixiqqoo qabbaneesuu dha. Akkasumas sammuuf eegumsa bu'uuraa madinummaa ni kenna.

Kana malees, CSF sammuuf bololi'ummaa kenna. i.e., sammuun baqqaana CSF keessatti fannifamee jira, kan, ulfaatinni sammuu homtoomutti dhihaata. Sammuun CSF keessatti yoo hin fannifamne ulfaatina isaatiin gufachiisa, kanarraa kan ka'e dhiyeessii dhiigaa walakkaa sammuu gadii keessatti argamu ni adda cita. Kunis niwuroononni(lubbiyyarsituun) naannoo kanaan akka du'an taasisa.

Kutaa sammuu

gulaali

Duree sammuu

gulaali

Innis kutaa sammuu fuulduraa ti. Kutaaleen sammuu fuulduraa kanneen akka: uqqubunnee(Cerebrum), diinqarrii(thalamus) fi Jaldiinqarrii(hypothalamus ) fa'a

Uqqubunnee (Cerebrum)

gulaali

uqqubunneen qaama sammuu keessaa isa guddaadha. Innis qaamtuu uqqubunneefi caasaa qaamtuu jalaa biroo of keessaa qaba. Innis gamis-uqqubunnee lama kanneen hidhaawwan algee ulfaatoo fi hedduu ta’aniin kan walitti makaman yoo ta’u, isaanis dhagna gawwee(corpus callosum)jedhamaniin kan ijaaramani dha. Sammuunis dabalataan kutaa ykn nyabbaa afuritti qoodama:

  1. Nyaabba Kallachee (Frontal lobe): Kutaalee dubbii, karoora, sababeeffannaa, rakkoo furuu fi sochii wajjin wal qabata.
  2. Nyaabba gaanfee( Parietal lobe): Sochii, hubannoo kaka’umsaa fi soroobina keessatti gargaara.
  3. Nyaabba qolee(Occipital lobe): Adeemsa ijaa wajjin wal qabata.
  4. Nyaabba maddii(Temporal lobe): Naannoo kun hubannoo fi beekamtii yaadannoo, kaka’umsa dhageettii fi dubbii wajjin wal qabata.

Sammuun gosa gummee lama of keessaa qaba: Qaama xiilloo (Grey matter) fi Qaama adii (White matter).

  • Qaama xiilloo (Grey matter):-    gosa tishuu sirna narvii wirtuu ta'ee qaama seelii niwuroonii, ulee niwuroonii, saayinaapsii fi kaappilaroota irraa ijaaramu dha. Halluu gara keellootti siqu qaba.
  • Qaama adii (White matter) :- gosa tishuu sirna narvii wirtuu keessatti argamu dha. Ulee niwuroonii hedduu kutaawwan adda addaa qaama xiilloo walitti qabsiisan irraa kan uumame dha. Halluun isaa adii fakkaata.

Kutaan uqqubunnee alaa qaamtuu ykn uwwisoo uqqubunnee jedhama. qaamtuun garmalee korboodha, sababa kanaan, bal’ina fuula guddaa qaba. uqqubunneenis kanneen armaan gadii of keessatti qabata:

  • Naannoowwan miiraa: Ergaawwan simatan.
  • Naannoowwan walqabsiiftuu: Naannoowwan kun odeeffannoo miiraa dhufu walitti fidu. Akkasumas naannoo miiraa fi sochii qaamaa gidduutti walitti dhufeenya uuma.
  • Naannoowwan sochii qaamaa: Naannoo kun gocha maashaalee injiichaaf itti gaafatamummaa qaba.

Diinqarrii(thalamus)

gulaali

Diinqarriin caasaa xiqqaa yoo ta’u, hundee sammuu irraa mirgatti kan argamu yoo ta’u, odeeffannoo miiraa qaamolee miiraa irraa argamu dabarsuudhaaf itti gaafatamummaa qaba. Akkasumas odeeffannoo sochii sochii fi qindoominaaf dabarsuudhaaf itti gaafatamummaa qaba. Talamus sirna limbic sammuu keessaa keessatti argama. Sirni labuu( limbic system)  kun irra caalaa yaadannoo haaraa uumuu fi muuxannoo darbe kuusuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.

Jaldiinqarrii(hypothalamus )

gulaali

Jaldiinqarriin kutaa sammuu xiqqaa fi barbaachisaa ta’ee fi sirritti diinqarrii jalatti argama. Dalagaalee armaan gadii keessatti waan hirmaatuuf naannoo sammuu isa jalqabaa ta’ee fudhatama: