nyataa fedhii salqunamti dabaluubadhaadhef hormoonii testosterone dabaluu danda’a.

Kaarootii

Kaarotiinis vitaaminootan kan badhaadhedha. Vitaaminoonni kaarotii keessaa kunis jabeenya nafsaalaa keessatti ga’ee isaanii taphatu. Dabalees yaa’insa dhiigaa naannoo saniis ni ariifachiisu.

Avokaadoo

Avokaadon vitaaminoota akka ‘B’, ‘C’ fi ‘K’ kan of keessaa qabuudha. Vitamiiniin ‘K’ kun dhiigni iddoo isaa sirritti yeroo yeroon akka tamsa’u godha. Avokaadon pirotinas waan of keessaa qabuuf dandeettii fedhii kakaasuu gonfatee jira.

Wanti hubatamuu qabu garuu nyaata kana hunda yeruma tokko bakka tokkotti walitti finnee yoo nyaanne gaafasuma fedhii horanna akkasumas sa’aatin raawwii keenyaa nuuf dheerata jechuu miti. Nyaatawwan kunniin fayyaa keenyaf murteessaa waan ta’aniif fedhii walqunnamtii saalaa akka horannu taasisuu danda’u jechuuf malee fedhii du’ee jiru har’uma kana hirriibaa dammaqsu jechuu miti

Alkoolii

raawwatu garuu dhiibbaa uumuu danda'a. Qorattoonni akka jedhanitti hamma danda'an caalaa dhugun fedhii saalqunnamtii ni xiqqeessa.

Foolii alkoolii, machiifi sababoota kaaniin dhugaatiin alkoolii saalqunnamtiifi jireenya dhirsaafi niitii gidduutti dhiibbaa akka geessisutu amanama.

Fuduraaleeno?

Qoranoon akka agarsiisutti namoonni qaama salaa dhiiraa isaanii hin dhaabannetin rakkatan nyaatawwan kemikaalota filaavoynoyid of keessaa qaban akka sooratan gorfamu


Fakkeenyaaf gosa goraa biluberii jedhamu, burtukaanaa fi loomiinis eeramu. Dhiirota rakkoo akkanaa qabanif fuduraalee garaa garaa soorachuun rakkoo isaanii %14'n hir'isa.

Guduunfa

Dabalataanis, kuduraalee, fuduraalee, zayitii ejersaa, looziifi kaan dhiirota rakkoo walfakkaataa qabanif furmaata jedhameera