Maqaa
Maqaan akaakuu jechootaa keessaa isa tokko yoo ta'u hima keessatti akka matimaatti yookaan akka aantimaatti galuun hima guutuu godha.
Maqaan itti waamama namaa, bineeldaa, iddoo, meeshaa, yaada waan tokkoo fi kkf bakka bu'uun kan ibsuudha.
Fknf:- Caalaa, Finfinnee, jireenya, hiree, gowwummaa, miira, qalbii, fi kkf.
Gosoota maqaa
gulaaliMaqaanis gosoota garagaraa qaba. Haaluma kanaan maqaa iddoo shanitti addaan hirree ilaaluu dandeenya.
a) Maqaa dhuunfaa/matayyaa
b) Maqaa gamtaa
c) Maqaa dimshaashaa
d) Maqaa meeshaa
e) maqaa killiyyaa/icciitii
jedhamuun qoqqoodamu.
A) Maqaa Dhuunfaa
gulaaliKun maqaalee dhuunfaan namni, bakkeen ykn wanti tokko dhuunfaatti ykn matamataatti itti beekkamuudha. Fkn: Hirkoo, Caalaa, Abdiisaa, Haaromsaa, Ejersa, Finfinnee, Galaan, Kooyyee Faccee fi kkf Maqaa dhuunfaati. Hub: Maqaaleen dhuunfaa hedduumina agarsiisuuf dhamjecha -oota jedhu hin maxxanfatan. Fkn: Caalaa jennee Caalota hin jennu. Kun Seerluga Afaan Oromooti. Haata’uu malee dhamjecha -faa jedhu dabalachuun hedduumina agarsiisuu ni danda’a. Fkn: Caalaa..Caalaafaa, Abdiisaa…Abdiisaafaa
B) Maqaa Gamtaa
gulaaliMaqaalee Gamtaa Maqaan kun Wantootni amala walfakkaataa qaban iddoo hundatti ykn gamtaan kan ittiin beekkamaniidha. Fkn: Saree, Biyya, Nama, Laga ,Farda, Haadhaa fi kkf maqaa gamtaa jedhamu. Maqaaleen gamtaa baay’ina agarsiisuudhaaf dhamjechoota akka: -oota, -ota, -lee, -waan, -olii, -een jedhaman dabalatu yookiin fudhatu. Fkn: Saree…Saroota Farda....Fardeen Nama….Namoota Sa’a…..Saawwan fikkf
C) Maqaalee Dimshaashaa
gulaaliMaqaaleen kunneen kan wantootni adda addaa bakka tokkotti ittiin waamamaniidha. Fkn: Ummata , Bineensa, Walda, Horii, Koree fikkf maqaa dimshaashaati. Maqaaleen kun yaada danoomaa of keessaa qabaatus yaada qeenxeen kan ibsamuudha. Fkn: koreen hin hojjattu. Ummanni maal jedha? Himootni armaan olii yaada danoomaa qeenxessuudhaan ibsaa jiruudha.
Kun Maqaalee meeshaaleen garagaraa ittiin moggaafamaniidha. Fkn: Barcumaa, Minjaala, Qalama(kobbee), Qubeessaa, Fikkf maqaa meeshaalee adda addaati.
E) Maqaalee Killayyaa
gulaaliKun Maqaalee wantoota gocha, ta’umsa, yaadaa fi kkf irratti bu’uuramanii waamamaniidha. Fkn: Gowwummaa, Hayyummaa, Abshaalummaa, Laafina, Dhukkuba fikkf maqaalee killiyaati. HUB: maqaaleen killayaa kun danoommii hin fudhatan.
maqaa lakka’amuu fi hin lakkaa’amnee
gulaaliA. Maqaa lakka’maanMaqaa lakka’maan gosa maqaa lakkoofsa isaani lakka’uun beekuu dandeenyuudha. Kubbaa, Nama, Farda, Muka ,Harree, Kitaaba,Kophee,Saree,Fuduraalee ,Mana, Dabtara ,Qubeessaa fik.k.f. fakkeenyoota Maqaa lakka’maanii dha. B. Maqaa hin lakkaa’amnee Maqaan hin lakkaa’amnee gosa maqaa ta’ee kan lakkaa’uu hin dandeenya Fknf Bishaan, Shaayii, Biyyee, Qillensa, Buna, Rifeensa, Imimaan ,Lalaafa fikkf. Fakkeeyoota Maqaa hin lakkaa’amneeti.
Wabii
gulaali- Addunyaa Barkeessaa (2016). Semmoo: Bu'uura Barnoota Afaanii fi Afoola Oromoo, Finfinnee