Lootuu Sheeyxaanaa

Maqaan uumama kanaa Moloch jedhama. Maqaa biraa lootuu qoree ykn ammoo lootuu sheeyxanaa jedhamuunis ni waamama. Uumamni kun naannawa gammoojjii fi lafa goggogaa keessa jiraata. Uumamni ajaa’ibaa kun lafa goggogaa fi

Lootuu Seexana Awustiraaliyaa Dhihaa

oowwaa san keessa jiraachuudhaaf mala garagaraa fayyadama. Lootuu qoree kana ilmi namaa manatti guddifachuudhaaf ofitti madaqsuuu eegaleera. Kun ammoo lakkoofsi isaa kan bosona keessaa akka xiqqaatu godhutti jira.


Qaamni ajaa’ibaa uumama kanaa wantoota qoree fakkaatan kan qaama isaa irratti argamuudha. Maqaa isaa Lootuu Qoree jedhus kanumarraa argate. Namni fagoo uumama kana arges heddu sodaatuun isaa hin oolamu. Fuul dura irraan yoo laalanis mallattoo namni sheeyxana jedhee sammuu isaa keessatti boce fakkaata. Wantoota gaafa fakkaatan lama qaba. Maqaa Lootuu Sheeyxanaa jedhus sababa kanaaf argate.


Walumaa galatti qaamni isaa guutuun waan qoreen marfame fakkaata. Garuu hin sodaatinaa, akka fageenyaa laalan san osoo hin taane, wanti qoree fakkaatu kun ilma namaa hin miidhu. Halluun gogaa uumama kanaa bifa daalacha ykn ammoo warqii fakkaata. Kun ammoo naannoo keessa jiraatuun wal isa fakkeessa. Kanaafuu diina isa adamsus ta’e waan biraa jalaa dhokachuudhaaf bifti Rabbi isa badhaase isa gargaara. Bifti isaa kun haala qilleensaa irratti hundaa’ee garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf ganama wayta lafti bariitu bifti isaa magaala yoo ta’u, adaduma aduun jabaataa deemtuun bifti isaa gara daalchaatti ykn booraatti jijjiiramaa deema. Dhaltuun  dheerinnaa fi ulfaatinaanis kormaa ni caalti. Fakkeenyaaf ulfaatinni dhaltuu Avreejiin graama 45.5 yoo ta’u, kormaan ammoo graama 31.2 ulfaata. Kormaan haalaan guddaan graama 49 hin caalu.


Lootuun Qoree kun haala qilleensaa irratti hundaa’ee qubsuma isaa tolfata. Yoo qilleeensi haalaan qabbanaawaa ta’e, boolla qotate keessatti deebi’ee jiraata. Wayta qabbanti sun badu ammoo boolla keessaa bahee risqii isaa barbaaddata. Wayta qilleensi haalaan oowwu ammas boollatti deebi’a. Haala kanaan jireenya isaa haala qilleensaa waliin simsiisaa jiraata. Lootuu sheeyxaanaa rirma qofa soorata. Sooranni biraa kan inni sooratu hin jiru. Daqiiqaa takka keessattis rirma haga 45 arrabaan guuraa liqimsa. Haala kanaan yeroo tokko sooratuu jalqabnaan rirma haga kuma afrutamaa liqimsa.


Diinni uumama kanaa ammoo bofaa fi uumama Iguwaanaa(loocuu) jedhamuudha. Haa ta’u malee lubbu qabeeyyiin hedduu uumama kana sodaatuun ykn ammoo sobamuudhaan irraa fagaatu. Fakkeenyaaf Lootuu sheeyxaanaa morma isaa gara duubaatiin waan mataa fakkaatu wahii qaba. Wayta diinni itti dhufu, mataa isaa kan dhugaa kottee isaa kan duraa jiddutti dhoksuun, waan mataa fakkaatu san bokossee diinatti mul’isa. Bineensi dhufe sun haga fedhe osoo mataa sobaa san dhahaa oolellee, uumama kana hin miidhu. Gariin ammoo qaamuma isaa kan qoree fakkaatu san sodaatee dheessa. Gama biraatin bifti isaatis naannawa inni keessa jiraatuun waan wla fakkaatuuf heddus diinni uumama kana adamsee sooratu hin jiru. Yeroo tokko tokko ammoo qaama isaa san afuufuudhaan bineensa guddaa qoree qabu of fakkeessuun haala saniin diina jalaa miliqaa jiraata.


Uumamni kun wayta ganamaa qaama isaa aduu keessa afuun oowwifata. Wayta kana baala mukarraa harca’ee lafa bu’e fakkaata malee, bineensa lubbuu qabu hin fakkaatu.  Yeroo aduu oowwifatu kana qaama isaa hin sochoosu. hafuuras hin baafatu. Sababa kanaaf baaluma mukarraa harca’e fakkaata. Wayta aduun haalaan oowwitee qaama isaa gubuu jalqabdu ammoo gara boolla qotatee deebi’uun qaama qabbaneeffata.


Lootuu sheeyxaanaa uumama kopha kophaa jiraatuudha. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa qofa walitti dhufuun waliin dabarsu. Kormaan Lootuu sheeyxaanaa qaama isaa haala adda ta’een sosochoosaa shubbisuudhaan dhaltuun hawatamuudhaaf carraaqa. Inni moohate, carraa wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaa argata. Dhaltuun takkas yeroo takkaan hanqaaquu sadihii hanga kudhanii hanqaaqxi. Hanqaaquu isii kanas boolla addatti qopheessiteef keessatti buufti. Boolli kun haga seentimeetira 30 gad fagaata. Hanqaaaquu kana hammattee ilmoolee keessaa baasuuf yeroo dheeraa barbaaddi. Yeroon isaatis haala qilleensaarratti hundaa’a. Yoo qilleensi haalaan oowwaa ta’e ji’a sadih keessatti ilmoolee cabsitee keessaa baafti. Qilleensi qabbanaawaa taanaan ammoo haga ji’a afurii itti fudhatuu danda’a. Fedha Rabbiitiin Lootuu sheeyxaanaa haga waggaa 20 jiraatuu danda’a.


Uumamni kun naannawa lafa gammoojjii akka jiraatu isinii himnee jirra. Naannawa gammoojjiitti ammoo bishaan argatuun heddu rakkisaadha. Lootuun Qoree kunis carraa argamutti fayyadamuun bishaan dhuga. Wayta bishaan dhugu akka uumamaalee biroo Arrabaan ykn afaan isaatiin hin dhugu. Wayta fixeensi margaafi baala jiisu, dhaqee baala fixeensaan jiidhetti riiqata. Yeroo kana fixeensi baala irraa qaama isaa irratti harca’uu jalqaba. Bishaan qaama isaa irra bu’e tokkollee lafa hin bu’u. gogaan isaa bishaan qaama isaa tuqe hunda gama keessaa dabarsee kuusa. Kanaafuu uumamni kun bishaan gogaa isaatiin dhuga jechuudha.


Yeroo garii ammoo fixeensa cophu jala dhaabbachuun qoffee isaarraan akka gara afaan isaa seenus godha. Garuu bishaan Afaaniin dhuguun isarratti dirqamaa miti. Subhaanallaah. Rabbiin keenya waan fedhe akka ofii fedhetti uuma. Waan uume sanis waan dalaguu qabu isa barsiisa. Haala kanaan uumama kana jireenya akkanaa barsiisee, gammoojjii dheebuu bishaaniitiif itti rakkatan keessa jiraachisutti jira.