Suuphana

(Lippiid irra kan qajeele)

Lipiidonni ykn Foroon ykn Suuphanni garee baayoomooleekiyuulota/maddarroo jiree/ adda addaa bishaan keessatti kan hin bulbulamne garuu bulbulaa miti-waaggee kan akka iiteer, kiloorofoormii fi aseetoonii keessatti bulbulaman dha. Lipiidonni elementoota kaarboonii(cilaayyaa), haayidiroojiinii(bishooftoo) fi oksijiinii(hadhituu) irraa kan hojjetamanidha. Coomaa fi zayitaa(quyyisa) fi kolestroolii of keessaa qaba. Coomni teemprechara daree keessatti jajjaboo yoo ta’u, zayitoonni teempreechara daree keessatti dhangala’oo dha. Keemikaalaan baay’ee wal fakkaatu. Lipiidonni dhugaa sun kompaawundoota orgaanikii dhangaggeewwan coomaa(fatty acid) alkoolii wajjin walitti makamuun uumaman jechuu dandeenya. Dhadhaa, zayitiin nyaataafi foon nuti nyaannu fakkeenya gaarii lipiidota. Lipiidonni poliimaroota dhangaggeewwan coomaa fi molakiyuulota gilseroolii ti.


Dhangaggeewwan Coomaa(Fatty Acids) [CH3(CH2)nCOOH]

gulaali

Dhangaggeewwan coomaa dhangaggeewwan walfaannee yoo ta’an, isaan keessaa tokko tokko cooma (lipiidota) keessatti argamu. CH3(CH2)nCOOH unkee waliigalaa dhangaggeewwan coomaati. The garee dhangaggee –COOH, garee kaarbogziilii jedhamuun beekamu of keessaa qaba. Molekuloonni gurguddoon tartiiba kana keessa jiran eegee haayidirookaarboonii dheeraa ‘mataa’ asiidii molakiyuulichaa irratti maxxane qabu. Akkuma maqaan isaa ibsutti, eegeen haayidirookaarboonii funcaa(chain) atoomota kaarboonii haayidiroojiinii wajjin walnyaate of keessaa qaba. Funcaan kun yeroo baay’ee atoomota kaarboonii 15 ykn 17 dheerata.

Caasaa isaanii keessatti hidhni dachaa (–C=C–) jiraachuu fi dhabuu irratti hundaa’uun asiidonni coomaa gosa lama qabu

Dhangaggeewwan coomaa mit-guuttataa (suuphana dhangala'oo) /unsaturated fatty acid(solid lipid)/

gulaali

Dhangaggeewwan coomaa mit-guuttataan(suuphana dhangala'oon) caasaa isaanii keessatti hidhoo dachaa tokkoo fi isaa ol kan of keessaa qaban waan ta’eef hamma haayidiroojiinii guddaa danda’amu hin qaban. Hidhni dachaa dhangaggeewaan coomaa fi suuphanootni salphaatti akka baqu taasisa – fakkeenyaaf, zayitoonni/quyyisoonni/ baay’een isaanii kan miti-guuttataa dha. Caasaa isaanii keessatti hidhni dachaa tokkoo ol yoo jiraate, dhangaggeewwan coomaa yookiin lipiidonni akka mit-guuttataa heddutti ibsamuu danda’u; yoo hidhni dachaa tokko qofti jiraate mit-guuttataa tokkee jedhamu. Lipiidonni biqiltootaa yeroo baay’ee mit-guuttataa fi akka zayitaatti kan uumaman yoo ta’u, fkn. quyyisa ejersaa fi quyyisa suufii.

Dhangaggeewwan coomaa guuttataa (suuphana jajjaboo) / saturated fatty acid(solid lipid)/

gulaali

Dhangaggeewwan coomaa guuttataan funcaa kaarboonii-kaarboonii isaanii keessatti hidhoo dachaa hin qaban. Dhangaggeewwan coomaa guutuu ta’an hundi teempireechara daree  keessatti jajjaboo dha. Lipiidonni bineensotaa yeroo baayyee kan guuttataan yoo ta’u akka cooma bineensotaatti kan mul’atan dha. Coomni qaama namaa keessatti bakka hedduutti kuufamee jira, keessumaa yandii(dermis) gogaa gadii fi naannoo tiruutti. Gogaa gadiittis akka ho'a akka hin dhabneef akka ittisootti hojjeta.

Qunxuleessa(glycerol)

gulaali

Glycerol (qunxuleessa ykn glycerine jedhamuunis ni waamama) alkoolii haayidirooliisisii tiraayigiliisaayidiitiin, ykn akka oomisha cinaa yeroo saamunaa fi baayoodiizilii oomishamutti oomishamuudha. Bishaan qilleensa keessaa xuuxa, akkasumas saamunaa fi looshinii keessatti akka jiidhinaatti fayyadama. Glycerol dhandhamaa mi'aawaa kan qabu yoo ta'u, akka nyaata ittisuu fi mi'eessituu sukkaara hin taaneetti fayyadamuun ni danda'ama.

Unkeen giliiseroolii foormulaa keemikaalaa caasaa fi dheerate isaa waliin asitti kennameera. giliiserooliin  summii hin qabne, halluu kan hin qabnee fi mirree salphaa tiriyoolii dha. Glycerin ykn glycerol faayidaa hedduu kan qabu yoo ta’u, irra caalaa wal’aansa gogaa fi indaastirii nyaataa keessatti akka waan kunuunsaa fi mi’eessituutti fayyadama.

Foormulaa Keemikaalaa Giliiseroolii

gulaali

Giliiserooliin atoomota kaarboonii 3, atoomota haayidiroojiinii 8 fi atoomota oksijiinii 3 qaba.

  Ulfaatina molakiyuulaa 92.09 g/mol kan qabu yoo ta’u, maqaan IUPAC isaa 1, 2, 3- Pirooppaanetriyoolii ykn 1, 2, 3- Tiraayihaayidirooksii pirooppaan dha.

Foormulaan keemikaalaa fi molakiyuulaa gilsaroolii (giliseeriin) akka-

Foormulaa Caasaa Giliiseroolii

gulaali

Moleekiyuuliin giliiseroolii sansalata kaarboonii 3 kan gareewwan haayidirooksii (OH) 3 tokkoon tokkoon isaanii irratti maxxanan of keessaa qaba. Atoomonni kaarboonii qindaa’ina sp3 waan qabaniif, molakiyuulichi naanneffannaa bilisaa qaba. Foormulaan caasaa gilsaariin akka- Foormulaa caasaa Giliiseerooniitti bakka bu’a

Glycerol bishaan keessatti kan bulbulamu yoo ta’u, hygroscopic dha. Kompaawundii barbaachisaa ta’ee fi lafeen dugdaa isaa lipiidota tiraayigiliisaayidii jedhamuun beekaman hunda keessatti argama. Fayyadamni isaas qoricha irraa kaasee hanga indaastirii nyaataa fi meeshaalee miidhaginaa (akka saamunaa) keessatti kan argamudha. Omisha gilsaaroolii Tiraayigiliisaayidoonni haayidirooliizisii, saapoonifikeeshinii ykn tiraansesteerifikeeshinii ta’uun gilsaaroolii akkasumas bu’aa asiidii coomaa uumu. Adeemsa kana keessatti bifti gilsaroolii jal’aan xurii orgaanikii balleessuuf charcoal sochii qabuun, alkaaliin esteerota gilsaroolii hin walnyaanne balleessuuf, fi jijjiirraa ayoon soogidda balleessuuf qulqullaa’a.

Gosoota Suuphanaa

gulaali

Suuphana Salphaa

gulaali

Isteeroota dhangaggeewwan coomaa alkoolii adda addaa qabanidha.

<< Isteriin dhaalamoota (derivatives) karboogziliik asiidii ta'e, gareen "OH" karboogziliik asiidii garee "OR" alkooksii bakka bu'uun (RCOOR') kan uumamu dha. Isteeroonni baayinaan kompaawundoota uumamaan argamani fi dhangala'oo foolii gaarii qabani dha. Hedduun isaanii fuduuraalee fi kompaawundota dhugaatii adda addaa keesstti foolii gaarii kennuun beekamu. Fkn, mitayilbutanoyeetii(anaanaasii), okatayilitanoyeetii (burtukaana), ayisoopentayilasiteetii (muuzii) fi kkf.>>

Tiraayigiliisaayidii (Coomaafi quyyisa)-: kan uumame gilsaaroolii tokkoo fi asiidota coomaa sadii irraa. Garaagarummaan coomaa fi zayita gidduu jiru haala qaama isaanii qofa.Zayitoonni ho’a kutaa keessatti dhangala’oo yoo ta’an, coomni ammoo jajjaboo dha.Coomaafi quyyisni lubbiyyoo coomaa adipocytes ykn lipocytes jedhamu keessatti kuufama, Isaanis anniisaa qaama bineensaa keessatti kuufameedha.

Wax(sorgoo)::-Sorgoon(wax) isteera dhangaggeewan coomaa alkoolii funcaa dheeraa qabu kan gilsaroolii caalaa. Baalli biqiltootaa, rifeensi simbirrootaa fi fuula firiiwwanii soloqmutni sorgoon kan dibame dha. Qolli biqiltoota bishaan irraa hir’achuu fi infekshinii fangasii irraa ni eega. Dhaaba dammaa(honeycomb) gaagura keessa jirus  gaagura(beeswax) irraa hojjetama.

Suuphana Walxaaxaa

gulaali

Lipiidonni walxaxaa esteerota asiidota coomaa fi alkoolii garee dabalataa kan akka fosfeetii, beezii naayitiroojiinii, kaarboohayidireetii ykn mataa pirootiinii qabani dha.

Suuphana badaatuu (Phospholipids):

Foosfooliipiidonni kan uumaman yeroo molakiyuulonni asiidii coomaa lama alkoolii (giliiseroolii yookiin isfiingoosiinii )tti hidhamanii fi bakki sadaffaa FA garee fosfeetiitiin fudhatamudha.

Gosoota Foosfoolipiidii

a) Glycerophospholipids:- Alkooliin glycerol dha

b) Sphingophospholipids:- Alkooliin isphingosine dha

Suuphana badaatuu qunxuleessa (Glycerophospholipid ) caasaa guddaa sabagoota lubbiyyoo Nyaayoosuuphana(glycolipids) fi proteoglycans cinatti kan akka danqaa filannoo seelii fi naannoo isaa gidduutti hojjetu taasisa.Naannoowwan gilsaarofosfooliipiidii lama qabu: naannoo haayidiroofiilikii (bishaan jaallatu), garee fosfeetii fi haayidirookaarboonii haayidiroofobiik (bishaan jibbu) bishaan keessatti baqqaana lamatti qindaa’e of keessaa qaba. Mataan haayidiroofiilikii gara alaatti gara bishaanitti, eegee haayidiroofobiikii immoo gara keessaatti, bishaan irraa fagaatee garagalee jira.

Nyaayoosuuphana(Glycolipids):- Suuphanoota garee dhangaggee coomaa, isfingoosiinii fi kaarboohayidireetii of keessaa qaban.Lipidii kana keessatti gilsaaroolii fi fosfeetiin hin jiran

Suuphanooburqata (Lipoproteins): Isaan kun xaxa molookiyuuloota gurguddoo suuphanoota burqata waliin ta’aniidha.

Dalagaalee suuphanootaa

gulaali
  1. Dhangaggeewwan coomaa gosoota suuphanoota biroof akka bu’uuraatti kan tajaajilan yoo ta’u, akka anniisaa kuufameetti tajaajilu
  2. Akka kuusaa annisaa guddaa fi lipidii nyaataa guddaa biqiltoota (zayitii) fi bineensota (cooma) keessatti tajaajilu. Coomni lubbiyyoowwan addaa lubbiyyoo coomaa jedhaman keessatti kuufamee, akka dabarsoo ho’aa gaarii hin taaneetti kan tajaajiluu fi ho’a gadi aanaa irratti ittisoo kan kennudha.
  3. Isaanis akka ruqoolee caasaa sabagoota lubbiyyoo keessatti tajaajilu (fkn, fosfooliipiidota); dursitoota walnyaatinsa Vitamin D, dhangaggeewwan hadhooftuu, hormoonii qaamtuu adreenalii(irkalee)  kan akka koortisoolii, fi aldoostiroonii; hormoonota walqunnamtii saalaa dubartootaa kan akka piroojeestiroonii fi istiroojinii fi hormoonota walqunnamtii saalaa dhiiraa kan akka teestoostiroonii (hormoonii cidhaanii).
  4. Gariin isaanii gogaa, foon fi rifeensa bineensotaa, simbirrootaa fi fuduraalee fi baala biqiltootaa irratti akka dibata ittisaatti tajaajilu (Fakkeenya, sorgoo). Fuduraalee fi baala calaqqisuun isaanii sababa sorgoo irraa kan ka’edha. sorgoon bineensota, simbirrootaa fi ilbiisotaaf akka danqaa bishaanii ta’unis ni tajaajila; akkasumas qorra irraa  eega.