Open main menu

Wikipedia β

Lafa Gujii

Oromiyaan kutaalee biyti Itoophiyaa jedhamtu qabdu saglan keessaa tokkodha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 600,000 kmĀ² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa tilmaamaan afurtamii shan (45) qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa Ityoophiyaa jedhamtu keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa durii Finfinnee yoo taatu, kan ammaa garuu Adaamaadha.

Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.