Kaartaan ykn Barruyyaan ykn Yaayyoon meeshaa qaama lafaa guutuu ykn gar-tokkee qaama lafaa bakka bu’uun akka haala salphaan hubatamuu danda’uutti gadi xiqqeeffamee akka waan samii irraa gadi ilaalamutti waraqaa diriiraa irratti kan kaafamu dha.

Kaartaa addunyaa kan hojjetame Gerard van Schagen, Amsterdam, 1689

kaartaan yaad-rimee afurtu argamu. Isaanis haala salphaa, gad xiqqeessuu, samii irraa gadi ilaaluu fi waraqaa diriiraa dha. Tokko tokkoon yommuu ibsamu:

Haala salphaa kaartaan kamiyyuu wantoota qaama lafaa irratti argaman hunda guutummaa guututti agarsiisuu hin danda’u. kanaafuu, kaartaan kaafamuuf barbaadame irratti hundaa’uun waantoota filataman qofa agarsiisuu qaba.

Gad-xiqqeessuu:- kaartaan wantoota qaama lafaa guutuu yookiin gartokkee irratti argaman guutummaaguututti agarsiisuu hin danda’u. Kaartaa irratti wanti kaafamuu akka jirutti yoo kaasne baay’ee baldhaa dha. Waraqaan irratti kaafamu garuu baay’ee xiqqaa dha. waan kana ta’eef qaama lafaa baldhaa kana hamma baldhina waraqaa irratti kaafamuu wajjin akka wal gituu danda’utti gad xiqqeeffamee mala iskeelii jedhamutti fayyadamuun kaafama. Ogeessi kaartaa kaasuu tokko wantoota naannootti argaman hunda kaartaa irratti muldhisuu hin danda’u. kanaafuu, duraan dursee murteewwan lamaan gurguddoo fudhachuu qaba. Isaanis, odeeffannoowwan gurguddoo kaartaa irratti kaafamuu qaban filachuu (Fakkeenyaaf, teessuma lafaa, biqiltoota, laggeen). Itti aansee wantoota filatamanii ka’aniif mallattoowwan adda addaa filachuu qaba.

Samii irraa gad ilaaluu: Wanti tokko kallattii adda addaatiin yoo ilaalamu roga adda addaa qaba. Mee magaala kee keessatti gamoo keessatti barattu yookiin mana keessan gad bahitii kallattii adda addaatiin ilaaluuf yaali. Kunis, gara fuulduraatiin, dugda duubaanii fi dalgaa yoo ilaaltu rogni gamoo keessatti barattuu wal fakkaataa? Itti aansuun ammoo naannoo mana barnootaa keetitti bakki tulluu yookiin gaarri yoo jiraate tulluu (gaara) irra ol bahuun of jalatti gad ilaaluuf yaali. Kaartaan: meeshaa qaama lafaa guutuu ykn gar-tokkee qaama lafaa bakka bu’uun akka haala salphaan hubatamuu danda’uutti gadi xiqqeeffamee akka waan samii irraa gadi ilaalamutti waraqaa diriiraa irratti kan kaafamu dha.Rogni gamoo keessatti barattuu amma ilaalte kanniin duraan argite wajjiin wal fakkaataa? Ilaalchi amma gaara irra gamoo mana barnootichaa gad ilaaltu kun akka namni xiyyaaran deemu tokko qilleensa irraa yookiin gubbaa gad ilaalu yookiin akka allaattiitti samii keessa balali’aa gad ilaalu fakkaata. Ilaalchi gamoowwan gubbaa gad ilaalte kun akkataa lafti kaartaa irratti itti kaafamte sitti agarsiisa.

Waraqaa diriiraa: Danaan lafaa korboo (geengoo) osoo hin ta’in akka killee luffeedha. Fuulli lafaa bu’aa ba’ii qaba. Fuula lafaa bu’aa ba’ii qabu kana waraqaa diriiraa irratti akka jirutti agarsiisuun baay’ee rakkisaadha. Kana malee, qaama lafaa marfamaa ta’e waraqaa diriiraa irratti kaasuun ni rakkisa. Waan kana ta’eef, lafa marfamtuu taate kana waraqaa diiriiraa roga lama qabu irratti baldhina, danaa fi kallattii lafaa osoo hin faalleessin kaasuun hin danda’amu. Ogeeyyiin kaartaa kaasan (kaartoogiraafaroonni) rakkina kana furuuf qaama lafaa marfamaa ta’e yookiin rog-sadee qabu kana waraqaa diriiraa yookiin rog-lamee qabu irratti ceesisuun agarsiisuuf mala piroojekshinii kaartaa jedhamutti fayyadam

Faayidaalee kaartaa keessaa gurguddoon isaan armaan gadiiti. Isaanis: (

a) Argama: bakka, naannoo fi biyyi akkasumas wanti tokko itti argamu addaan baasanii beekuuf.

(b) Fageenya: kaartaa irraa fageenya bakka lama jidduu jiru shallaganii beekuuf

(c) Baldhina: baldhina bakka, naannoo fi biyya tokkoo kaartaa irraa hammam akka ta’e shallaganii beekuuf.

(d) kallattii: bakki, naannoo fi biyyi tokko waan beekamaa ta’e tokko irraa gara kamitti akka argamu barbaaduu fa’a. Haa ta’uu garuu kaartaa kaasuun yeroo jalqabaa kaasee adeemsa sadarkaa guddinaa hedduu keessa darbeera. Seenaa sadarkaa guddina kaartaa kaasuu bakka gurguddaa lamatti qoodama. Isaanis kaartaa mala duriin kaasuu fi mala ammayyaan kaasuu dha.

Kaartaa mala duriin kaasuu

gulaali

Ogummaan kaartaa kaasuu baay’ee kan turee fi seenaa uumama dhala namaa wajjin wal qabatatadha. Kaartaan mala duriin qophaa’u wantoota akka mukaa,suphee, gogaa bineensootaa fi sibiila irraa hojjetama. Kaartaan mala duriin qophaa’u baay’een isaa harkaan kaafama. Sababa kanaafis hanqinoota hedduu qaba. Fakkeenyaaf, iskeelii kaartaa hin qabu, wantoota wal makaa addaan hin baasu. Akkasumas fageenyaa fi bal’ina safaruun, kallattii fi argama agarsiisuun rakkisaa dha. Walumaagalatti, hawwatummaan isaa gadaanaa dha. Kaartaan kunis baay’inaan argama ibsuu irratti kan xiyyeeffatuu dha. Fakkeenyaaf, argama boolla bishaanii fi karaa bakkeewwan lafa adamootti geessan agarsiisa. Fakkeenyaaf kaartaa Addunyaa Eraatoosteensiin bara 200 DH.K.D kaafame.

Kaartaa mala ammayyaan kaasuu

gulaali

kaartaa mala ammayyaan kaasuun jaarraa 17ffaa keessa eegale. Kunis sababa teekinoolojii haaraan kan akka kaameeraa, xiyyaara fi suuraa qilleensarraan haala addaan kaartaa kaasuun eegaluu isaati, yeroo har’aa kaartaa kaasuun carraa odeeffannoowwan adda addaa argachuutu jira. Jaarraa 21ffaa keessatti komputerri sadarkaa kaartaa kaasuu irra jireessan odeeffannoo sassaabuun, kuusuun, qaaccessuu fi ragaa dhiyeessuun qooda olaanaa qabaata. Akkasumas teekinoolojiin Sirna Odeeffannoo Lafxii (GIS) kaartaa mala ammayyaan kaasuu keessatti baay’ee murteessaa fi barbaachiisaa dha. Sirna Odeeffannoo Lafxii (GIS)’n madda odeeffannoo kaartaaf kan sassaabbatu daawwannaa dirree, suuraa qilleensa irraa fi suura saatalaayitii irraati. Gabaabumatti kaartaan mala ammayyaan kaafamu teekinoolojii Sirna Odeeffannoo Lafxii (GIS), Googilii kaartaa, Googilii lafaa fi marsariitii kallattiin fayyadamuun kan kaafamuudha. Kaartaan mala ammayyaan kaafamu saffisaa fi qulqullina kan qabudha.

Googilii lafaa: jechuun sagantaa komputeraa suuraa saatalaayitiitti fayyadamuun lafa rog-sadeen bakka bu’ee agarsiisu dha. Gama biraan sagantaa bilisaan Googiliin giloobi irra bololi’uun suuraa lafaa qulqullinaan agarsiisudha. Googiliin lafaa magaalotaa fi teessuma lafa adda addaa agarsiisuuf gargaara. Googiliin lafaa yeroo ammaa kana addunyaa keenya 98% ol uwwisee argama.

Googilii kaartaa: appilikeeshinii googilii bu’uura kaartaa kaasuuf gargaaru dha. Odeeffannoon googiliin kaartaa irraa argatus suuraa saatalaayitii, suuraa qilleensa irraa, kallattiin kaartaa irraa fi odeeffannoo kallattii 3600 irraati. Qophii duraa kaartaa kaasuuf barbaachisan keessaa muraasni akka armaan gadiitti ibsamaniiru.

Furtuu qopheeffachuu: Duraan dursanii osoo wixinee kaartaa hin qopheessin wantoota kaarticha irratti kaafaman filachuu fi mallattoo isaan bakka bu’an qopheessuu.

Iskeelii filachuu: Bakki kaartichi itti hojjatamuu fi waraqaan irratti kaafamu baldhinaan Waan walcaaluuf hariiroo fageenya yookiin baldhina lafa irraa fi waraqaa irraa walitti dhiyeessuuf iskeelii gargaaru filachuu.

Halluuwwan filachuu: Wantoota filatamanii wixinee kaartaa irratti kaafaman adda baasanii agarsiisuuf halluuwwan adda addaa qopheeffachuu

Wixinee kaartaa hojjachuu: Wantoota akka kaafaman barbaadaman bakka bakka isaanii irratti kaasuun agarsiisuudha. Meeshaaleen wixinee kaartaa qopheesuuf barbaachisan: waraqaa, qubeessaa, haqxuu, sarartuu, maarkarii yookiin qubeessaa halluu fi kkf.