Isaaq Niwuuten
Is’haaq Niiwtan | |||
---|---|---|---|
Ogummaa: | fiiziziistii, ogeessa herregaa, astroonoomara fi falaasessaa | ||
Biyya: | Yunaayitid Kingidem | ||
Guyyaa dhalootaa: | 1642 | ||
Bakka dhalootaa: | |||
Guyyaa du'aa: | 1726 | ||
Isaaq Niwuuten fiizisiistii, ogeessa herregaa, astroonoomara fi falaasessaa uumaa biyya Biritaaniyaa ture. Kitaabni itti-bultoota herrega fi falaasama umaa irratti inni bara 1687tti katabe seenaa sayinsii keessatti kitaabota dura-bu’oota keessaa tokko, kitaabota herregaa gurguddaa duubarra dhufaniif utubaa tahuudhaan. Kitaaba kanarratti Niwuuten akkaataa ofitti-harkisa lafaa (gravity) fi heera sochii sadiin addaan baasee ibsa. Dhufiinsa Diifaranshaal kaalkules fi integraal kaalkulesiitiif, herrega keessatti Niiwtan, Gootfiriid Viilhelmi Laayibiniiz waliin galata qaba.