Huseen Bunee (1998-2004 ALH) qabsaawaa Fincila Baalee keessatti Jeneraal Waaqoo Guutuu wajjin ta'uun lolaa turani. Huseen jecha nafxanyaa qawween hin ajjeftu jedhu kan yeroo sana diinni ittiin ummata Oromoo sodaachisuuf fayyadamu nafxanyoota hedduu ajjeesun soba ta'u ummatatti agarsiisan.

Seenaa Duubaa gulaali

Huseen Bunee Godina Baalee aanaa Sawweenaa bakka Goonii Gafarsaatti jedhamutti abbaasaa Daraaraa Godaanaa fi armeesaa Hawwaa Badhaasorraa bara 1898 (ALH) ykn 1904/1905 ALA dhalate. Abbaansaa erga dua'anii booda Huseen Bunee qe'ee abaasaa too'achuuni fi obboleeyyansaa guddisuun dirqamasaa waan tureef kanuma fudhatee socho'aa ture. Yeroo sana manni barumsaa waan hinjirreef, Huseen mana amantii Islaamaa seenee amantii baratee barsiisaa ture. Erga guddatee haadha manaa fuudhee booda, ciminaa fi siyaa'inasaa kan argan bulchiinsa Mootummaa Hayila Sillaasee keessatti Burqaa godhanii muudan. Adeemsa keessan ciminasaarraa ka'uun gara bakka bu'aa baalabbaataatti ol guddisan. Adeemsa hojii kana keessattis hacuuccaa sirni Nafxanyaa ilamaan Oromoorran ga'u argee aaruu jalqabe.

Walga'ii baalabbaatota Oromo ta'an 18 irratti, Huseen Oromoon sirna nafxanyaa qabsaawu akka qabuu innis kanumaaf qophaawuusaa itti himee isaanif akka isa faana hiriiran gafate. Isaan garu humna maalitiin Hayila Sillaasee lolta, kuni gonkumaa hin ta'u jedhanii didan. Innis akkamitti akkan qabsaawuu Nafxanyaa akka falmu sinittan agarsiisa jedheen.

Itti aansun Huseen Bunee horiisaa keessaa sangoota sagal gurguree qawwee sadi'i bitate qabsoof qophaawe. Obbolootasaa fi namoota biraa muraasa fudhatee bara 1962 ALH qabsoo eegale. Huseen Bunee Gaara Goonirratti qubachuudhan qabsoo finiinse. Namoonni gabrummaan itti hammaate hedduun dhaqanii miseensa waraana Huseen Buneetti makamuu eegalan. Gaara Goonii kan amma Gaara Huseen Bunee jedhamee moggaafame karaan ittiin koran tokko qofa, loltoonni Huseen Bunees gaara kana erga koranii booda loltuun Hayila Sillaasee akka hin seennef hulaa cufani. Yeroo loltuun Hayila Sillaasee dhufes dhagaa gaararraa itti gadi kaachisuun ajjeesu. Gaara kanarra bineensonni adda addaa waan jiraniif yeroo beela'an gadamsa ajjeesanii nyaatu turan.

Gargaarsa Sumaalen Gootef gulaali

Mootummaan Somaaliyaa cunqurfamtootaf gargaarsa akka kennu kan dhaga'e Huseen Bunee namoota saddeet filee gara Somaaliyaatti erge. Mootummaan Somaaliyaas gaaffii kana fudhachuudhan qawwee 8, dhoobir 7 fi toomsanii 1 kenneefi. Meeshaa kanatti fayyadamuun qabsoo itti fufan. Bara 1963 gara Somaaliyaa deemee bakka Elbaardii jedhamu dhaqee isaan wajjin marii godhe. Mootummaan Somaaliyaas qawwee, dhuka'aa fi rasaasa kenneefi geggeesse. Huseenis kana gaalatti fe'udhaan gara Baaletti deebi'e. Ummanni naannoo sanaas kanarraa ka'uun haamileensaa dabale. Baalabbaatonni duraan Huseen bunee didani amma harka lafa jalaatin gargaaruu eegalan.

Bqattoonni Oromoo Huseen Mahaammad Suuraa gara Ijiiptitti ergan. Innis achi deemee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa akka gaafatuf ture. Mootummaan Ijiiptis kana fudhatee gargaarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaa kenneefi geggeesse. Kana kan dhaga'e mootummaan Somaaliyaa aarudhaan akkamitti haayyama keenya malee siyaasa keessan biyya alaa baatan jedhe. Meeshaa waraanaa gargaarsan dhufe kan Barbaraa fi Basasoo gidduutti bu'ee ture loltootasaa itti ergee qabsiise. Namoota meeshaa waraanaa kana fe'uuf dhufan 36s qabee mana hidhaa Looyi Haaddee jedhamutti waggaa 5f hidhe.

Baqattoonni Oromoo Somaaliyaa keessa turan nuti Sumaalee Abboo odoo hin taane nuti Oromoodha, yoo nu gargaartan maqaa kanaan nu gargaaraa jedhanii ibsa baasan. Huseen Bunee mootummaa Somaaliyaa wajjiin haasaa godhee kanuma waan ifa godheef mootummaa Somaaliyaatin hidhame. Mootummaan Somaaliyaa maqaa Sumaalee Abbotiin yoo qabsoofte gargarsaa siif goona, umurii kee guutuu miindaa siif kaffalla jedhanii amansiisuf yaalanirree Huseen Bunee ni dide. Waggaa sadi'ii fi ji'a booda Huseen Bunee mana hidhaatii gadi lakkifamee baqattoota achi jiranitti makame. Mootummaan Somaaliyaa gaafa gadi lakkisu qarshii shilingii kuma soddoma kenneefi.

Wabii gulaali

  • Seenaa Huseen Bunee