Hira

(Hirrita irra kan qajeele)

Reeshiyoon ykn hirritni ykn hirri baay’ina lamaa fi isaa ol gidduu jiru mala guddina isaanii wal bira qabuun safaruudha. hirri tokko akka adda baastuutti (":") fayyadamuun agarsiifamuu danda'a (akkuma 1:4:9), ykn salphaatti akka hirmeemmiitti ibsamuu danda'a (akkuma ).

Fakkeenyaaf, manni barumsaa tokko barsiisota 20 fi barattoota 500 yoo qabaate, hirri barsiisotaa fi barattootaa akka 20:500 (fi "20 hira500" jedhamee dubbatama) jedhamee barreeffama. Akka fakkeenya biraatti, makaan keekii tokko daakuu giraama 100, dhadhaa giraama 300 fi sukkaara giraama 25 yoo gaafate, hirri daakuu fi dhadhaa fi sukkaara 100:300:25 (fi "100 hira 300 hira 25"jedhamee dubbatama).

Tarmiin jalqabaa hiratokkoo antecedent jedhama, tarmiin lammaffaan immoo consequent jedhama. Gosti hirakun yuunitii hin qabu. Baay’inni adda addaa yoo walbira qabame gosti hiraaddaa kun reetii jedhama, yuunitii qaba.

hirri salphaa ta’uu danda’a. Fakkeenya mana barumsaa keessatti barsiisonni 20 hirabarattoota 500 turan. Ijoollee daree walqixa ta’etti yoo qoodne, kutaaleen barsiisotaa 20 keessaa tokkoon tokkoon isaanii barattoota 25 qabaatu ture. Kana jechuun tokkoon tokkoon barsiisaatiif barattoonni 25, ykn akka filannootti, hirri barsiisaa fi barattootaa 1:25 dha. Karaan biraa kana itti hojjetan gama lamaan hira20:500 20n qooduudha. Hubadhaa 20:500 1:25 wajjin tokko ta’uu isaa. Akkuma karaaleen firaakshinii barreessan adda addaa jiran (fakkeenyaaf 2/1 = 10/5 ), karaaleen hiratokko barreessan adda addaa jiru.