Hepatitis A (maqaan inni ittiin beekkamu infectious hepatitis) jedhama acute dhukkuba faalaa/infectious disease kan ltiruu/liver ka’uumsi isaa vayirasii hepatitis A (HAV).[1] Baay’een isaa keessattuu dargaggoota irratti mallattoo dhukkuba xiqqoo mul’isa yookin mallattoo omatuu hin argisiisu.[2] Yeroon wayita faallamaa fi mallattoon dhukkuba itti mul’atu gidduu jiru, torban lamaa anga torban ja’aa ta’a.[3] Wayita mallattoon dhukkubsachuu mul’atu keessattuu dhuma torban saddeetii booda: nyaata jibbisiisu, ol-debisiisu, gadi-teessisu , gogaan keelloo ta’u/yellow skin, hoo’ina qaamaa, fi dhukkubbi garaatu irratti mul’ata.[2] Namoonni dhibbantaa 10–15 ta’an jalqaba faallamanii kaasee torban ja’a booda mallattoo dhukkubbii argisiisu.[2] tiruun tajaajilaan ala ta’un/Acute liver failure tarbee darbee kan mul’atu yoo ta’u kunis harka caaluu namoota dullooman irratti mul’ata.[2]

Hepatitis A
Qooqodama fi ooddefanoowan aalaa walqabatan
Hepatitis A
Hepatitis A
A case of jaundice caused by hepatitis A
ICD/CIM-10B15 B15
ICD/CIM-9070.0, 070.1 070.0, 070.1
DiseasesDB5757
MedlinePlus000278

Ka’uumsa gulaali

Yeroo baay’ee kan tamsa’u bishaan yookin nyaata boobbaa dhukkuba kana qabuun faallame dhuguu fi nyaachudhaani.[2] qurxummiin/ Shellfish yoo sirriitti bilchaachuu baate aga tokko dhukkuba kana dadabarsuu danda’a.[4] Nama dhukkuba kanaan qabame waliin walitti dhiyenyaan jirachudhaanis namatti darbuu danda’a.[2] Daa’imman faallaman mallattoo dhukkubbii yoo argisiisu baatan illee dhukkubichi isaan irraa namoota gara biraatti darbuu danda’a.[2] Al tokko namni faallamee fayye sana booda umurii isaa guutuu deebi’ee hin qabamu.[5] Sababa mallattoon dhukkubbi dhibeewwan gara biraatin wal fakkaataniif dhukkubicha addaan baasanii baruuf qorannoon dhiigaa barbaachisaadha.[2] Dhukkubni hepatitis viruses gosoota adda addaa shan: A, B, C, D, and Etiin beekkama.

Ittisaa fi yaala gulaali

Gosni hepatitis A vaccine ittisaaf mijataadha.[2][6] Biyyoonnii tokko tokko daa’immanii fi iddoo sodaa guddaan jirutti warra ijoollumaatti hin talaalamin talaalchisu.[2][7] Talaallin ummurii guutudhaaf ittisa.[2] Tarkaanfiwwan ittisaa kuun harka dhiqachuu/hand washing fi nyaata sirriitti bilcheessudha.[2] Yaalin addaa godhamu hin jiru,boqonnaa fudhachuu fi qoricha nausea yookin diarrhea fudhachuun akkuma barbaachisaa ta’etti ajajamuu fi danda’a.[2] yeroo baay’ee faalamnii uummame guutumaa guututti dhukkuba tiruu itti fufiinsa qabuu malee ni fayya.[2] Yaalii tiruu tajaajilaan ala t’ee ilaalchisee, wanti akkasii yoo muuddate tiruu bakka buusudhaan/liver transplantion dhaan yaallama.[2]

Tamsa’ina gulaali

Sadarkaa addunyaatti dhukkuba kanan walqabatee gara namoota miiliyooma 1.5 ta’antu dhukkubsata [2] walumaa galatti namoota faallaman miiliyoona 10 ta’an keessaa.[8] Dhukkubichi kutaa addunyaa qulqullina gadi aanaa qabanii fi bishaan qulqulluu ga’uumsaan hin argannetti bali’aan mul’ata.[7] Biyyoota guddachaa jiran developing world keessatti daa’imman dhibbantaa 90 ta’an yeroo umuriin isaanii waggaa 10 waan faallamaniif yeroo guddatan dhukkubichaan hin qabaman.[7] Biyyoota guddatan keessatti ijoollen yeroo daa’imummaa waan hin saaxilamnee fi talaallin yoo kennamuu baate bifa weerraraatin mul’ata.[7] Bara 2010 keessa, dhukkubni “acute hepatitis A” namoota 102,000 ajeese.[9] Guyyaan Hepatitis Addunyaa/World Hepatitis Day adoolessa 28 ubannoo waayee viral hepatitisuumudhaaf kabajama.[7]

Maddawwan gulaali

  1. Ryan KJ, Ray CG (editors) (2004). Sherris Medical Microbiology (4th ed.). McGraw Hill. pp. 541–4. ISBN 0-8385-8529-9. 
  2. 2.00 2.01 2.02 2.03 2.04 2.05 2.06 2.07 2.08 2.09 2.10 2.11 2.12 2.13 2.14 2.15 Matheny, SC; Kingery, JE (1 December 2012). "Hepatitis A.". Am Fam Physician 86 (11): 1027–34; quiz 1010–2. PMID 23198670. 
  3. Connor BA (2005). "Hepatitis A vaccine in the last-minute traveler". Am. J. Med. 118 (Suppl 10A): 58S–62S. PMID 16271543. doi:10.1016/j.amjmed.2005.07.018. 
  4. Bellou, M.; Kokkinos, P.; Vantarakis, A. (March 2013). "Shellfish-borne viral outbreaks: a systematic review.". Food Environ Virol 5 (1): 13–23. PMID 23412719. doi:10.1007/s12560-012-9097-6. 
  5. The Encyclopedia of Hepatitis and Other Liver Diseases. Infobase. 2006. p. 105. ISBN 9780816069903. 
  6. Irving, GJ.; Holden, J.; Yang, R.; Pope, D. (2012). "Hepatitis A immunisation in persons not previously exposed to hepatitis A.". Cochrane Database Syst Rev 7: CD009051. PMID 22786522. doi:10.1002/14651858.CD009051.pub2. 
  7. 7.0 7.1 7.2 7.3 7.4 Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu
  8. Wasley, A; Fiore, A; Bell, BP (2006). "Hepatitis A in the era of vaccination.". Epidemiol Rev 28: 101–11. PMID 16775039. doi:10.1093/epirev/mxj012. 
  9. Lozano, R (Dec 15, 2012). "Global and regional mortality from 235 causes of death for 20 age groups in 1990 and 2010: a systematic analysis for the Global Burden of Disease Study 2010". Lancet 380 (9859): 2095–128. PMID 23245604. doi:10.1016/S0140-6736(12)61728-0.