Halluun(Bifni) kutaa ispeektarmii ifa mul’atu kan fuula tokko irraa deebi’ee balaqeeffame sanadha. Hammi ifa fuulli tokko balaqqeessuu ykn xuuxuu halluu isaa murteessa. Keessattuu, fuulli gurraacha ifa hunda kan xuuxu yoo ta’u, fuulli adiin immoo ifa hunda balaqeessa.Halluuwwan gurraachas  adiis hin taaneef halluun ati argitu isa wantii irratti balaqeeffame hin xuuxamne qofa. Fakkeenyaaf, yoo girgiraa diimaa argitan halluun diimaan alatti hundi girgiraan sanaan xuuxama; diimaa qofatu ija keessanitti deebi’ee balaqeessa.

Hiika Halluu
Ingilizii Afaan Oromoo
Black Gurraacha
Red Diimaa
White Adii
Pink Daangulleessa
Maroon Diimgurraa
Purple Siddisa
Violet Dhiilgee
Scarlet Diimaa-bilchoo
Green Magariisa
Blue Cuquliisa
Orange Arroowa
Lime Asheeta
Aqua Garsamii
Amber Bifa hurdii
Grey Daalacha
Brown Magaala

Halluuwwan

gulaali