Habareessuu(Pollination)

Biqiltoonni daraaraa sanyii fi firii godhachuuf jalqaba habareen(nadhii daraaraan) qaama kormaa irraa gara istiigimaatti darbuun barbaachisaa dha. Adeemsi habareen qaama daraaraa kormaa (antarii) irraa gara qaama daraaraa dhalaatti darbu Darbuukeessuu(habareessuu) jedhama. Biqltootni daraaraa gosa habareessuu lama qabu.

Diyaagirama adeemsa habareessuu agarsiisu
Beeylada mukaa dubaraa kan habaree cereus halkan daraaru irraa walitti qabame

Isaanis: of-habareessuu fi habareessuu alagaati.

Of-Poolineessuu ykn of-habareessuu: Adeemsa kanaan habareen daraaraa kormaa (antarii) biqilaa tokko irraa ka’uun gara istiigimaa ofii isa irratti darba. habareessuu gosa akkasii kun sanyiin biqilaa daraaraa tokko kan biroo waliin osoo walitti hin makamiin akka itti fufu taasisa. Biqiltoota haala kanaan wal-horaniif baaqelaa, jirbii fi suufiin fakkeenya ta’uu danda’u.


Poolineessuu alagaa ykn habareessuu alagaa: habareessuun alagaa, adeemsa habareen qaama daraaraa kormaa biqilaa tokko irraa gara qaama daraaraa dhalaa biqilaa biraa kan sanyii akaakuu tokkootti darbuu dha. habareessuu gosa akkanaatiif poolineessitonni barbaachiisoo dha. Fakkeenyaaf qilleensa, bishaanii fi bineeldota.

habareessiistoota gulaali

habareessuun lubbuqabeeyyi(biotic) yookiin Lubbuumaleeyyii (abiotic) ta’uu danda’a. habareessuun baayootikii poolineetaroota ykn habareessiistoota lubbuu qaban irratti hirkatee habaree daraaraa tokko irraa gara daraaraa biraatti sochoosa. habareessuun abiyootikii qilleensa, bishaan ykn rooba illee irratti hirkata.

habareessuu lubbuqabeeyyi/ leetaawaa gulaali

habareessuu lubbu qabeeyyiin raawwatamu

 
shimbroo alalaasuu akkaataa idileetti daraaraa diimaa nyaatu
 
kannisa ( Mellisodes desponsus) kan habaree uwwifame

habareessuu Alleetaawaa ykn Lubbuumaleeyyii gulaali

habareeeeshiniin abiyootikii mala lubbuu hin qabne kan akka qilleensaa fi bishaanii fayyadamuun habaree daraaraa tokko irraa gara daraaraa biraatti sochoosa. Kunis biqiltuun kun daraaraa fi nadhii daraaraa poolineetota hawwachuu caalaa kallattiin habaree irratti anniisaa akka baasu isa dandeessisa . habareessuun qilleensaa habareessuu abiyootikii gidduutti baay’inaan mul’ata.

Qilleensaan gulaali

 
Margi saree ( Dactylis glomerata ) qilleensaan habaree babal’isu

Bishaaniin gulaali

Roobaan gulaali