Haayidirookaarboonii

Haayidirookaarbooniin ykn bishoocileen damee keemistirii orgaanikii kan qo'aatamuu fi walnyaatinsa haayidiroojiinii fi kaarboonii kan uumamee dha.

Haayidirookaarboonii

Haayidirookaarboonotni maxxantuu duraa (hundee maqaa)fi maxxantuu boodaa walitti dabaluun moggaafamu. Maxxantuu duraa lakkofsa kaarboonii maddarroo keessa jiranii agarsiisa. Hundeen maqaa yookiin maxxantuu duraa jedhama.

Haayidrokaarbooniin akka waliigalaatti halluu kan hin qabnee fi bishaan kan hin jaalanne kan ta’an yoo ta’u, fooliin isaanii yeroo baay’ee laafaa ykn foolii beenzilaa fi dhangala’aa salphaa ta’een kan qabu.

Haayidirookaarboonnni uumamaan maddota akka dhuubbaa zayitii, gaasii umamaa, dhagaa cilee keessatti argamu. Kompaawundoonni tarree homologasii tokko keessatti argaman foormulaa(unkee) gooroofi amaloota keemikaalaa walfakkaatu qabu. Tarreen homologasii(sanyitokkee) haayidrookaarboonotaa sadan alkeenota, alkiinotaafi alkaayinoota

A. Alkeenota

Alkeenonni tarree homologasii haayidrookaarboonotaa keessaa isaan tokkoo dha. falchi waliigalaa (gooroo) isaa Cn H2n+2 dha. As keessatti ‘n’ n lakkoofsa kaarbonii bakka bu’a. Innis lakkofsa tokko irraa eegaluun (1, 2, 3, ...) jechaa itti fufaa adeema. Fakkeenyaaf:- n = 1 yoo ta’e, C1 H2x1+2 = CH4 (miiteenii) ta’a, n = 2 yoo ta’e, C2 H2x2+2 = C2 H6 (iteenii) ta’a, haaluma kanaan C3 H8 , C4 H10, … jechaa itti fufa. CH4 (miiteenii) garee maatii alkeenii keesaa kan jalqabaafi salphaa ta’e dha.

Kompaawundoonni miseensonni isaanii walduraa duubaan walitti aananii jiraniifi kan garaagarummaa garee dhaabbataa ‘–CH2 –’ (garee mitaayiliinii) ta’e qaban homologasii (maatii) jedhamu.

CH4 + -CH2 - C2 H6 + -CH2 - C3 H8 + –CH2 –’ C4 H10

Karaa biraatiin yoo ibsamu, miseensa alkeenii kan jalqabaa CH4 irratti yommuu gareen ‘–CH2 –’ idaa’amu alkeenii itti aanu C2 H6 kenna, C2 H6 irratti gareen ‘–CH2 –’ yommuu idaa’amu ammoo miseensa alkeenii itti aanu C3 H8 kenna, bifa kanaan itti fufaa adeema jechuu dha. Adeemsi kun alkeenii jalqabaa irratti garee –CH2 - dabalaa deemuun alkeenii isa itti aanuu argachuun maatii alkeenii horachaa adeemuu dha.

B. Alkiinota

Alkiinonni tarree homologasii isa lammaffaa haayidirookaarboonotaati. Foormulaaa molakulaawaa gooroon isaanii Cn H2n yoo ta’u, ‘n’ n lakkoofsa kaarbonii (2, 3, 4 …) ta’a. Fakkeenyaaf:- n = 2 yoo ta’e, C2 H2x2 = C2 H4 ta’a, n =3 yoo ta’e, C3 H2x3= C3 H6 ta’a, haaluma kanaan C4 H8 , C5 H10, jechaa itti fufa. Lakkoofsi atoomota haayidiroojinii molakiyuulii maatii alkiinii tokko keessatti argaman dachaa lakkoofsa atoomota kaarboonii achi keessa jiruuti. Miseensi alkiinotaa inni jalqabaafi salphaan itiinii (C2 H4 ) jedhama, atoomota kaarbonii lamaafi atoomota haayidriijinii afur of keessaa qaba. Alkiinotni alkeenota kaarbonii walfakkaataa qaban irrraa haayidiroojinii lamaan hir’atu. Akkuma alkeenotaa, alkiinotni haayidirookaarbonota tarree homologasii (maatii) uumu

C. Alkaayinoota

Tarreen homoloogasii haayidrookaarbonotaa inni sadaffaan alkaayiniin foormulaa gooroo Cn H2n-2 qaba. As keessattis ‘n’ n lakkoofsa kaarbonii (n =2, 3,…) irraa eegaluun itti fufaa adeema. Fakkeenyaaf: n=2 yoo ta’e, C2 H2x2-2 = C2 H2 ta’a, n= 3 yoo ta’e C3 H2x3-2 = C3 H4 ta’a. Akkuma kan alkiinotaa miseensi alkaayinootaa inni jalqabaa atoomii kaarboonii lama yommuu qabaatu, innis Itaayinii yookiin asiitiiliinii(C2 H2 ) jedhamuun beekama.