Durneefka
Durneefki(Afaan Ingiliiziin: Protozoa) micirjirtoonni lubbiyyoo tokko qaban, wirmaat-dhugee(eukaryotic), nyaattota dha. Isaanis bilisaan yookaan maxxantumman kan jiraatanii dha. Gosoonni durneefka naannoo 65000 ta’an garee adda addaatiin ramadamaniiru. Cichi lubbiyyoo hin qaban.Durneefkonni baay’een jiru, kanneen dhukkuba adda addaa bineensotaa fi nama irratti fidan, fkn. Pilaasmoodiyeemii (maxxantuu busaa), Tiraayipaanosoomaa (dhukkuba hirribaa), Tiraayikoomoonii (trichomoniasis) fi kkf.Durneefkonnii marsaa jireenyaa isaanii keessatti sadarkaa hedduu qabu. Sadarkaaleen marsaa jireenyaa tokko tokko daddarboodha. Sadarkaan dhandhalcha hirribaa fi dhiibbaa naannoo kan dandamatu yoo ta’u, sadarkaan Neefkoshee walhormaataa fi dhukkuba fida.
Amaloota Waliigalaa durneefkaa
gulaaliBidoollee- Durneefki naannoo bishaanii keessatti argamu. Bishaan qulqulluu ykn galaana keessa jiraatu. Gariin bilisaan kan jiraatan yoo ta’u gariin immoo biqiltootaa fi bineensota keessatti paraasitii dha. Irra caalaan isaanii gubama soorataa qileensoo yoo ta’an gariin garuu gubama soorataa alqileensoo ta’anii fi rumen ykn garaacha namaa keessatti argamu.
Gosoonni kun tokko tokko naannoo garmalee akka burqaawwan ho’aa keessatti argamu. Gariin isaanii naannoo goggogaa irra aanuuf dhandhalcha boqonnaa uumu.
Guddinaa fi Boca- Guddinni fi bocni durneefkaa baay’ee garaagarummaa qaba, maaykiroobaayil (1μm) irraa kaasee hanga guddaa gahaa ta’ee fi ijaan ilaalamuu danda’a. Qolli fooraaminifeeraa seelii tokko qabu daayameetira seentimeetira 20 qabaachuu danda’a.
cicha seelii jabaa waan hin qabneef, kan jijjiiramanii fi bifa adda addaatiin kan argamanidha. Seelonni meembraanii pilaasmaa haphii keessatti marfamanii jiru. Gosoonni tokko tokko fuula alaa irratti qola jabaa qabu. durneefkaanota tokko tokko keessatti keessumaa siiliyaatota keessatti, seelii yandaphiin kan deeggaramu yoo ta’u, kunis kan socho’u ykn jabaa ta’uu danda’a fi orgaanizimoota boca murtaa’aa kan kennu yoo ta’u, sochii qaamaa keessatti gargaara.
Caasaa lubbiyyoo- lubbiyyoo tokko kan qaban yoo ta’u lubbiyyoo wirmaat-dhugee qaba. Dalagaawwan meetaabolii caasaa keessoo addaa tokko tokkoon raawwatamu.
Irra caalaa lubbiyyoo keessatti wirmaatni meembraaniin haguuggammee qabu
Wiirmaatni sababa kiroomaatinii faca’een bifa babal’ate qaba, wirmaata faaggee qaama giddugaleessaa endoosoomii ykn tambii jedhamu of keessaa qaba. Tambiin xaxxama-fiixxee DNA kan qaban yoo ta’u, dubara'ni ammoo tambii isaanii keessatti DNA hin qaban. Siiliyaatonni wirmaata xiqqaa fi wirmaata guddaa qabu.sabagni saayitoopilaasmii fi caasaawwan sochii qaamaa biroo kan akka silqixaa(flagella), milsoboo(pseudopodia) fi rifeensee(cilia) marsee jiraGosoonni tokko tokko sabaga qolayyaa yandaphii(pellicle) jedhamu kan qaban yoo ta’u, kunis seeliidhaaf boca murtaa’aa kenna. durneefkaanota tokko tokko keessatti baakteeriyaan epibaayootikii marduufa(fimbriae) isaaniitiin yandaphiitti maxxanuSaayitoopilaasmii ykn kalloon areeroon gara ektopilaasmii alaa fi keessoo areeroo(endoplasma) keessaatti, alareeroo(ectoplasma) iftoomina kan qabuu fi endoopilaasmiin orgaaneloota seelii of keessaa qabadurneefkaan tokko tokko nyaata liqimsuuf saayitoostoomii ykn afaan lubbiyyoo qabu. Vaakuooliin nyaataa ni jira, bakka nyaanni liqimfame itti dhufu. Rifeenseella gollaa(Ciliates gullet), qaawwa qaamaa kan alaa banamu qabu. Vaakuooliin giddugaleessaa agabxabulula'insa(osmoregulation), kan bishaan garmalee balleessuuf argama. Orgaaneelonni seelii meembraaniin hidhaman, kan akka maaytookondriyaa, qaamolee Golgii, liisosoomii fi caasaa addaa biroo ni argamu.
sirna nyaataa- durneefkaan soratoota yoo ta’an sirna nyaataa Neefkee(holozoic) qabu. Nyaata isaanii luqumsuun(phagocytosis) liqimsu. Gareen durneefkaa tokko tokko caasaa addaa afaan lubbiyyoo jedhamu kan luqumsuu(phagocytosis) ta’u qabu.
Walhormaata- Irra caalaa karaa saalqunnamtii hin qabneen wal hormaatu. Isaanis addabahinsa lamee, addaan bahinsaa dheerinaan, addaan bahiinsa qaxxaamuraa ykn biqiluudhaan baay’atu.
Sanyii tokko tokko keessatti walhormaanni saalaa ni argama. Walhormaanni saalaa horsiisillaa, rimeessa(syngamy) ykn uumamuu saallubbiyyoortuu(gametocytes) ta’a.
Ramaddii fi Fakkeenyota durneefkaa
gulaaliPirootozowaan faayilamii heeterootiroofii seelii tokko qabudha. Mootummaa Protista jalatti dhufaPirootozowaan caasaa fi kutaa sochii keessatti hirmaatu irratti hundaa’uun garee gurguddoo afuritti qoodamu:
Durneefka Silqixoo(Mastigophora or Flagellated protozoans):
gulaaliIsaanis maxxantuumman ykn bilisaan jiraatanidha.Sochiidhaaf silqixa fayyadamu. Qaamni isaanii soloqmuta(cuticle) ykn yandaphii (pellicle)n kan haguugame dha. Bifa bishaan qulqulluu buufanyee kottoofataa qabu. Walhormaanni kan ta’u, addan bahiinsa lamee (qoqqoodinsa dheerinaan) .Fakkeenyaaf: Tiraayipaanoosoomaa, Tiraayikoomoonaas, Giyaardiyaa, Liishmaaniyaa fi kkf.
Dubarooyidii (Sarcodina or Amoeboid):
gulaaliBishaan qulqulluu, galaana ykn biyyee jiidha qabu keessa jiraatu. caasaalee sochii miil-soboo jedhamuuqabu. Isaanis adamsa isaanii miil-soboon qabatu. Bocni murtaa’aan kan hin jirree fi yandaphiin hin qaban. Buufanyee kontooffataa dubarooyidiin bishaan qulqulluu keessa jiraatan keessatti argama. Adeemsa addaan bahiinsa lamee fi sardaa dhandhalchaa qaba
Fakkeenyaaf: Dubara'a(Amoeba), Dubara'a keessoo(Entamoeba) fi kkf.
Qummeekka(Sporozoa):
gulaaliIsaanis maxxantuu keessoo dha. Qaama addaa sochiidhaaf oolu hin qaban. yandaphii kan jiru yoo ta’u, kunis shifujjummoo(microtube) cita-yandaphaawaa(subpellicular) kan qabu yoo ta’u, isaanis sochii keessatti gargaaru.Walhormaanni uumamuu neefka dhukee ta’a
Fakkeenyaaf: Akkareerroo(Pilaasmoodiyeemii), Maayiksiidiyeemii, Noseemaa, Giloobidiyeemii fi kkf
Durneefka Rifeensoo (Ciliophora or Ciliated protozoans):
gulaaliBishaan keessa kan jiraatan yoo ta’u, gargaarsa ciliya kumaatamaan lakkaa’amaniin dammaqinaan socho’u. Sababa haguuggii yandaphii irraa kan ka’e boca dhaabbataa qabu.Isaanis tentacles qabaachuu danda’u, fkn. gita xiqqaa Suctoria keessatti. Vaakuooliin kontoonfataa ni argamu. Gosoonni tokko tokko qaama ittisaaf ta’u kan trichocysts jedhamu qabu. Gargaarsa rifeensee kan socho’an yoo ta’u sochiin rifeensee nyaata gullet keessaa fudhachuuf gargaara.Qoodinsa qaxxaamuraatiin kan wal hormaatan yoo ta’u, akkasumas dha uumu
Fakkeenyaaf: Neefcaantaa(Paaraameesiyeemii), Vortiseelaa, Baalaantiidiyeemii fi kkf.