" Big Bang ykn Dhoohinsa mummee "

Suuraa akkamitti addunyaan wanta jabaa xiqqaa tokko irraa guddattee babal'attee haala amma qabnu kana deesse agarsiisu. Walumaagalatti jireenyi Big Bang!

Waggoota hedduuf astroonoomaroonni iccitii hawaa kanaa beekuudhaaf dhama’aa turan. Gaafii hawaan kun eessaa dhufe jedhuuf deebii argachuudhaafis haga bara 1920tti eeguun dirqma itti ta’ee ture. Haga bara 1920’mootaa kanatti hawaan kun jalqabuma irraa kaasee akkanumatti jira jedhamee amanamaa ture. Haa ta’u malee bara 1912 Astroonoomariin Ameerikaa Veestoo Sliifer argama ilaalcha saayinsii hawaa kanaa jijjiiruu danda’e argate. Sliifar, gaalaaksiiwwan hawaa keessatti argaman lafa irra jiraannu tanarraa saffisa guddaan fagaataa akka jiran akeeke. Kunis yaadni yeroo jalqabaatiif hawaan kun bal’ataa jira jedhu akka ka’u taasise.

Bara 1916tti, Albart Enstaayin, Tiyoorii birqabaa kan hawaan kun takkii bal’ataa jira yookaan ammoo walitti dhiphataa jira jedhu qopheesse. Kana booda bara 1929 tiyooriin duraan ture kun Astroonoomara Ameerikaa kan Edwin Hubble jedhamuun dhugoomfame. Ifaa diimaa Gaalaaksiiwwan irraa bahu erga yeroo dheeraaf qorateen booda, Hubble Gaalaaksiiwwan hawaa keessa jiran bakka takka dhaabatanii akka hin jirre dubbate. Saffisa guddaa ta’een lafa teenya tanarraa fagaataa jiran jedhe. Kunis Hubble’s law jedhamee beekama. Argamni kunis hawaan kun bal’ataa jira yaada jedhu dhugoomse. Argamni  Hubble kunis seenaa Astroonoomii keessatti argama guddaa ta’ee galmaaye. Bara 1929tti kitaaba velocity-time relation jedhu maxxansiise. Waggoota itti aanan keessattis qorannoolee hedduun deeggaramee tiyooriin hawaan kun bal’ataa jira jedhu saayintisootaa fi Astroonoomarootaan fudhatama argate.