Dhangaggee coomaa

Dhangaggeewwan coomaa dhangaggeewwan walfaannee yoo ta’an, isaan keessaa tokko tokko cooma (lipiidota) keessatti argamu. CH3(CH2)nCOOH unkee waliigalaa dhangaggeewwan coomaati. The garee dhangaggee –COOH, garee kaarbogziilii jedhamuun beekamu of keessaa qaba. Molekuloonni gurguddoon tartiiba kana keessa jiran eegee haayidirookaarboonii dheeraa ‘mataa’ asiidii molakiyuulichaa irratti maxxane qabu. Akkuma maqaan isaa ibsutti, eegeen haayidirookaarboonii funcaa(chain) atoomota kaarboonii haayidiroojiinii wajjin walnyaate of keessaa qaba. Funcaan kun yeroo baay’ee atoomota kaarboonii 15 ykn 17 dheerata.

Bakka bu’iinsa diimeshinii sadii asiidota coomaa hedduu. Asiidonni coomaa guutuu caasaa sansalataa guutummaatti qajeelaa qabu. Kanneen hin guutamne akkaataa adda addaatiin kan qaxxaamuran yoo ta’u, yoo qindeessaa tiraansii qabaatan malee.

Caasaa isaanii keessatti hidhni dachaa (–C=C–) jiraachuu fi dhabuu irratti hundaa’uun asiidonni coomaa gosa lama qabu

Dhangaggeewwan coomaa mit-guuttataa (suuphana dhangala'oo) /unsaturated fatty acid(liquid lipid)

gulaali

Dhangaggeewwan coomaa mit-guuttataan(suuphana dhangala'oon) caasaa isaanii keessatti hidhoo dachaa tokkoo fi isaa ol kan of keessaa qaban waan ta’eef hamma haayidiroojiinii guddaa danda’amu hin qaban. Hidhni dachaa dhangaggeewaan coomaa fi suuphanootni salphaatti akka baqu taasisa – fakkeenyaaf, zayitoonni/quyyisoonni/ baay’een isaanii kan miti-guuttataa dha. Caasaa isaanii keessatti hidhni dachaa tokkoo ol yoo jiraate, dhangaggeewwan coomaa yookiin lipiidonni akka mit-guuttataa heddutti ibsamuu danda’u; yoo hidhni dachaa tokko qofti jiraate mit-guuttataa tokkee jedhamu. Lipiidonni biqiltootaa yeroo baay’ee mit-guuttataa fi akka zayitaatti kan uumaman yoo ta’u, fkn. quyyisa ejersaa fi quyyisa suufii.

Dhangaggeewwan coomaa guuttataa (suuphana jajjaboo) / saturated fatty acid(solid solid)/

gulaali

Dhangaggeewwan coomaa guuttataan funcaa kaarboonii-kaarboonii isaanii keessatti hidhoo dachaa hin qaban. Dhangaggeewwan coomaa guutuu ta’an hundi teempireechara daree  keessatti jajjaboo dha. Lipiidonni bineensotaa yeroo baayyee kan guuttataan yoo ta’u akka cooma bineensotaatti kan mul’atan dha. Coomni qaama namaa keessatti bakka hedduutti kuufamee jira, keessumaa yandii(dermis) gogaa gadii fi naannoo tiruutti. Gogaa gadiittis akka ho'a akka hin dhabneef akka ittisootti hojjeta.