Dadacha'insa Lafaa

Dadacha'insa Lafaa adeemsa keessoo keessaa tokko yoo ta’u kunis humnoonni lama gama faallaa irraa gara walii isaaniitti yeroo socho’an kan uumamudha. Sababa humna kanaan, baqaannii lafaa walittii dacha’u. Adeemsi sababa dhiibbaatiin Baqaannii lafaa dacha'uu Dadacha'insa Lafaa jedhamuun beekama. Humnoonni dhiibbaa dadacha'insa lafaa kan maddisiisan akka waliigalaatti karaa lamaatiin uumamu. Isaanis:Mustafa fi Mustafa

Dachaasni marsaa wal jijjiirraa dhagaa liimsaa fi cheertii Giriik keessatti ni mul’ata. Dhagaan liimsaa fi cheertiin jalqaba irratti akka laayibarii diriiraa ta’ee lafa bishaan galaana gadi fagoo irratti kuufamee ture. Dachaawwan kun kan uumaman difoormeeshinii Alpaayiin .

a) Yeroo urundoon(kutaa) lafaa lama gara walitti yoo socho’aa jiran

b) Yeroo urundoon(kutaa) lafaa tokko gara urundoon(kutaa) lafaa dhaabatattii yoo socho’e

Dadacha’iinsi lafaa kan uumamuu naannoo kattaan kuus-mansaa itti argamutti. kattaan kuusmansaa akka kattaalee biroo cimaa/jajjaboo waan hin taaneef dadacha’insaaf saaxilama. Sababni dadacha’insa lafaa humnoota keessa lafaatii ka’aniidha. Haa ta’u malee, naannoo kanatti akka volkaanoo wanti lafa keessaa bahee kuufaman hin jiru, yookiin qaamni lafaa caccabeefi babbaqaqee citee gad lixu hin jiru. Naannoo dadacha’iinsiitti uummamuutti lafti oldhiibbamuun gaarreenifi tulluuwwan faan ni’uumamu. Bakka humni cimaan jirutti gaarreen gurguddoo ta’an ni uummamu. Gaarreen gurguddaan kaaba Afrikaa kan akka Atlaasii, Awurooppaa Alpisiifi Eeshiyaa Himaaliyaa faan sababa dadacha’iinsaan uumaman. Humnoonni keessa lafaatii maddanii qaama lafaa irratti jijjiirama guddaa fidan dhala namaafi lubbu qabeeyyii biroo irrattis miidhaa salphaa irraa kaasee hamma cimaa ta’etti dhaqabsiisuu danda’u. Fakkeenyaaf dhoo’insa voolkaanoo bara 2002 Haayitii keessatti raawwate fudhachuun ni danda’a.

Gosoota Dadacha'insa Lafaa

gulaali
 
Dadacha'insa goophaa(Anticline) New Jersey keessatti argamu

Sarara

gulaali
  • Dadacha'insa goophaa(Anticline) : kan koochoowwan ykn millii dacha'insaa gara oliitti walitti dhufan, jechuunis millii dirraa siqqaawaa(axial plane) dadacha'insaa irraa fagaatanii kan gonbiffamee yoo ta’u umriin isaanii bekkamaadha ykn kan bayyee turaaniidha. dhiibbaa humnoota foo'aa(Tenstional force) kan uumamudha..Miilli (cinaachi) dacha’iinsa goophaawwaa fixxeerraa irraa fagaatee gadi fageenyaan deema.fixxeen isa gubbaa irra caalaa ykn bantii dadachinsaa olka’aa dha.
  • Dadacha'insa golbaa(Syncline) :baqaana gara gadittii golbaatee dha.Miilli (cinaachi) dacha’iinsa golbaa dhidhima(through) irraa fagaatee gadi liixaa deema.Humnoota dhiibbaatiin (compression force) kan uumamudha.
  • Dadacha'insa xillaawaa ykn Farboca (Antiform) : kan koochoowwan ykn millii dacha'insaa gara oliitti walitti dhufan, jechuunis millii dirraa siqqaawaa(axial plane) dadacha'insaa irraa fagaatanii kan gonbiffamee yoo ta’u umriin isaanii kan hin beekkamnee ykn umrii baayyee xiqqoo ta'aniidha.
  • Dadacha'insa Dhooqaawaa (Synform) : Amala teessuma lafaa kan uumama golbaa keessatti baqqaana biyyee irraa ijaarame ykn rajaa, garuu qabatamaan dadacha'insa golbaa uumuu dhiisuu danda’a
  • Dadacha'insa fodooddoo qeenxee ykn kimmoo baaqee(monocline) : jechuun dachaa'inna babaqaana dhagaa( rock strata) keessaa kan yoo ta’uu kan gama biraan ammoo gamtaan dalga ykn dhooqaa ta'uudha
  • Dadacha'insa ciisaa (Recumbent):Inni kan ka’u yeroo millii ykn koochoon dacha'insaa sababa dhiibbaa dabaluutiin fi dalga ta'edhaa fi dirrii siqaawaa dadacha'insaa kanaa dalga itti ta’u, sababiin isaas baqqaanoonii durii baqqaanoota haaraa ol ta’u.
  • Dadachaa'insii simeetarikii ykn qixaawaa:  kan uumamu yeroo koochoowwan dadacha'insa lamaan (golbaa fi goophaa) kallattii lamaan kofa haalakaa walqixaan  jallatanii, fi dirrii siiqqaawwan tokkoon tokkoon isaanii dhaabbataa ta’e dha.Dadaachaawwan akkasii yeroo baay’ee kan uumaman yeroo baqqaannii itti dhiyaatan dhiibbaa walqixa gama lachuu irraa dhufu.
  • Dachaa asiimeetrikii ykn mitiqixxee: Innis kan uumamu tokkoon tokkoon koochoo dadacha'insa (golboo fi goophaa) kofa habalakaa isa kaan irraa adda ta’een yeroo garagalfamuykn jallatuu, akkasitti dirrii siiqqaawaa yk aksiyoona dadachaa dirra dhaabbataa irraa garagalfamaa ta’a. Dadachaan kun kan uumamu yeroo dhiibbaan gama tokkoon dhufu isa kaan caalaa waan ta’eef, jallinni koochoo tokkoo jallina isa kaanii caalaa guddaadha.

Garreen dadacha'oo

gulaali

Gaarreen dacha’an kan uumaman sooloqqee lafaa ykn irra lafaa kan ol kaafameen, fi humnoota dhiibbaatiin kan dachaafamanini dha. Isaanis kan uumaman yeroo gabatee ykn dirrii (plate) lama gara walitti socho’an. Humni dhiibbaa sababa sochii kanaatiin uumamu dhagaa biyyee gara oliitti dhiiba gara dacha’iinsa walduraa duubaan. Gaarreen dachaa yeroo baay’ee dhagaa biyyee irraa kan uumaman yoo ta’u yeroo baay’ee qarqara ardiilee irratti argamu. Kunis kan ta’eef kuufamni dhagaa biyyee furdaan akka waliigalaatti qarqara ardiilee irratti kuufamee waan tureef. Gaarreen dachaa gosa lama qabu: gaarreen dachaa dargaggoota (umriin isaanii waggaa miliyoona 10 hanga 25, fakkeenyaaf, Atlaas, Rookii fi Himaalaayaas) fi gaarreen dachaa durii (umriin isaanii waggaa miliyoona 200 ol, fakkeenyaaf, Keep Range, Urals Raashiyaa fi Appalachians USA keessatti).Gaarreen hedduun dadacha'insan uumamaniiru. Gaarreen Andees, gaarreen Rookii, gaarreen Alps, gaarreen Himaalaayaa fi gaarreen Alps Awustiraaliyaa fakkeenya tokko tokko. Gaarreen Atlaas kaaba dhiha Afrikaa fi Gaarreen Keep Reenjii (Drakensberg) Afrikaa Kibbaa keessatti argaman dadacha'insaan kan uumamanidha. Adeemsi ijaarsa gaara kun Tuulleessuu ykn jaargaara (orogeny) jedhama.