Dabee darbuun ifaa jijjiirama kallattii dambaliii yoo ta'u, jijjiirama saffisa dambaliiitiin kan dhufudha. Fakkeenyonni dambalii dambalii sagalee fi dambalii ifaa ni argamu. Dabee darbuun yeroo baay’ee kan mul’atu yeroo dambaliin tokko giddugaleessa keessaan muldhistuu qabu tokko irraa gara giddugaleessa keessaan muldhiftuu kan biraatti darbudha. Gosoonni giddugaleessa adda addaa qilleensaa fi bishaan of keessatti qabatu.taatee ifti yemmuu waan tokko keessa gara birootti socho'u daangaa wantoota lamaanii gidduutti kallattiin tamsa'ina ifaa jijjiiramu. Fkn yemmuu ifti qilleensaa keessa gara bishaaniitti seenu, daangaa qilleensaa fi bishaanii gidduutti dabee gara bishaaniitti seena. Hubadhu: taateen kun ifa qofaaf utuu hin taane, dambaliiwwan biroos amala wal fakkaataa qabu.Ifni gara giddugaleessa rukkataa ta’etti akkuma seeneen, xiyyi ifaa gara isa idileetti ‘daba’.[1] Yeroo gara giddugaleessa rukkina xiqqaa ta’etti deebi’u (agarsiiftuu dabiinsaa gadi aanaa qabu), kofa yeroo seene sanaan duubatti ni daba (yoo fuulli yeroo ba’u fuula yeroo seenu waliin walqixa ta’e).Ifni piriizimii keessatti yeroo darbu, dheerinni dambalii tokko tokko kanneen biroo caalaa waan qaxxaamuraniif halluuwwan sabbata waaqootti addaan ba’a. Dambaliin tokko giddugaleessa keessaan muldhiftuu qabu tokko irraa gara wantootni haphii qabu kan biraatti yeroo darbu dambalii saffisa isaa fi kallattii isaa ni jijjiira. Fakkeenyaaf, dambaliin ifaa qilleensa keessa deemee booda bishaan keessa yommuu darbu, dambaliin sun suuta jedhee kallattii ni jijjiira. Amala kana keessatti ifni karaa giddugaleessa yeroo darbu waaggeessuu elektiroonotaa ni raawwata, kunis dabaree isaatiin saffisa ifa hir’isa, kanaanis kallattii ifaa ni jijjiira.

yemmuu ifti qilleensaa keessa gara fulleetti seenu, daangaa qilleensaa fi fullee gidduutti dabee gara fuulleetti seena. Yeroo gara qilleensaatti deebi’u kan hin dabnee ta’uun isaa, dirrii daangaa qilleensaa waan dhaabsirroo ta'eefi.
Xiinagartii keessatti agarsiistuu dabiinsaa safara wanti tokko ifa saffisa akkamiin akka of-keessa dabarsu agarsiisu dha. agarsiistuu dabiinsaa =n= c/v  ; c=saffisa ifaa vaakiyuumii keessaa, v=saffisa ifaa wantoo keessaa.Seerri Snell hamma cabkaa ykn dabee darbuu shallaguuf agarsiistuu dabiinsaa fayyadama.

Yeroo n1 = agarsiistuu dabiinsaa meeshaa 1ffaa, n2 = agarsiistuu dabiinsaa  meeshaa 2ffaa, .

θ1 = kofa battalee fi θ2 = kofa dabeedarbuu. Kofoonni battalee fi dabee darbuu kan safaramu ijaajjoo irraa yoo ta’u, ijaajjoon sarara yaadaa dirraatti dhaabsirroo ta’e. n = 1 hawaaf yoo ta'uu fi meeshaa ifa dabarsuu ykn walakkaa dabarsuu kamiifuu n > 1 dha.