Biskileetiin (ykn golollamee) konkolaataa lafaa xiqqaa humna namaatiin hojjetu yoo ta’u, teessoo, golollee(goommaa) lama, ijjattoo(peedaalii) lamaa fi funcaa sibiilaa kan peedaala fi golollee duubaa irratti lkee  (cogs ) waliin walqabate qaba. gooddoo(frame) tokko humna baaskilii kan kennu yoo ta'u, kutaaleen kaan immoo gooddoo sanatti maxxananiiru. Maqaan kun jechoota lamaan kana irraa kan dhufe - fufii duraa "bi-" jechuun lama jechuudha, fi fufii boodaa "-cycle" jechuun golollee jechuudha. Humna kan argatu nama gubbaa yaabbatee, miila isaatiin peedaalota naannootti dhiiba.

Biskileetiin gaaraa ammayyaa kun gogaa furdaa fi bal'aa daandii dhagaa irratti fayyadamuuf qaba

Saxaxaafi Qaamolee

gulaali
  • Gooddoo: Bu’uura caasaa kan kennu yoo ta’u, yeroo baay’ee meeshaalee akka sibiilaa, aluminiyeemii ykn kaarboonii faayibara irraa kan hojjetame dha.
  • Golollee: Gommaa fi cheerkiyoo(rim) kan of keessaa qaban yoo ta’u, sochii fi tasgabbiidhaaf barbaachisoo dha.
  • Ijjattoo: Konkolaachisaan sochii miilaatiin anniisaa gara baaskilii akka dabarsu hayyami.
  • Funcaa fi Ikooleen ykn ciniintuu(gear): Konkolaachisaan saffisa akka sirreessuu fi teessuma lafaa adda addaa akka bulchu dandeessisa.
  • Fireenii(kaasaa): Konkolaachisaan akka saffisa isaa hir’isu ykn akka dhaabbatu gochuudhaan nageenya mirkaneessuu.