Biffiisni(Afaan Ingiliiziin : Allele) bifa filannoo dhaalmayaa (jiinii) baaddiraa irratti bakka murtaa’e qabatuudha. Dhaalmayni tokko biffisa lama qaba. Lubbu qabeeyyiin saalaan walhoran kessatti aliiloonni lama yommuu jiru tokko hadharaa fi kan immoo abbarra dhaaluu. Biffisoonni kun bakka murtaa’e tokkotti sanyuundee walfakkaatoo (homozaayigoosii ) yookiin sanyuundee addee (heeteroozaayigoosii) ta’uu danda’u.

Biffisoonni tartiiba Dhangaggee tambii ( DNA) isaaniitiin garaagarummaa qabaachuu kan dandaʼan yoo taʼu, kunis  amala isaan toʼatan irratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Fakkeenyaaf, halluu ijaa, gosa dhiigaa ykn dheerinaaf biffissoonni adda addaa jiraachuu danda’u. Walmakiinsi biffisoota namni dhuunfaa tokko baatu jeenootaayipii ykn ruqoo gdhaalmaya isaanii murteessa, kunis amallaalloo(phenotype) ykn amala ilaalamuu danda’u irratti dhiibbaa uumuu danda’a.

Gosoota Biffiisaa

gulaali

Hariiroo isaanii fi dhiibbaa amallaalloo(phenotype) irratti qaban irratti hundaa’uun gosootni biffisaa hedduuttu jiru. Gosoonni biffisaa beekamoo ta’an  kanneen armaan gadiiti:

Biffisa moa'ataa(Dominant Allele)

gulaali

Biffisni moo'ataan gosa dhaalmayaa amala micirjiree tokkoo irratti dhiibbaa cimaa kan qabu yoo ta’u, micirjireen tokko biffisa moo'ataa tokko qofa  yoo qabatellee, bifa ykn amala micirjirtichaa kan to'atuu biffisa moo'ataa dha. Biffisa moa'ataan biffisa dhokataa mo’uu kan danda’an yoo ta’u, qubee guddaatiin mallattoo xiin-dhaalaa(jeneetikii) keessatti bakka bu’u. Amaloota ilaalamuu danda’an murteessuu keessatti gahee guddaa kan qaban yoo ta’u, amala adda addaa uummata keessatti mul’atuuf gumaacha qabu.

Fakkeenyaaf: 'Tt' sanyundee/jiinii dheerina jirma biqilaa kan agarsiisuu yoo ta;e, 'T'n biffisa dheerinna fi 't'n immoo biffisa gabaabinna bakka bu'u yoo ta'ee jirmi biqilichii jirma biqilichaa dheeraa dha. kanaafuu 'T' biffisa mo'ataadha.

Biffisni dhookataan (recessive allele)

gulaali

Biffisni dhookataan gosa biffisaa  kan  dhiibbaan isaa amallaallo (feenootayipii) orgaanizimii tokkoo keessatti kan ibsamu yoo kooppiin lama biffisa  dhokataa ruqoo dhaalmayaa (jeenootayipii) keessatti argamu qofa dha. Yoo xiqqaate biffisni mo'ataan tokko yoo jiraate, ibsa biffisa dhokataa ni haguuga ykn ni dhooksa. biffisni dhokataa yeroo baay’ee qubee xixiqqaatiin barreeffama xiin-dhaalaa(jeneetikii) keessatti bakka bu’u. Amalli biffisa dhokataa tokko akka mul’atuuf, orgaanizimiin tokko biffisa  dhokataa hadharrra tokkofi abbarrayis tokko dhaaluu qaba.Orgaanizimiin tokko biffisa  dhokataa tokko qofa yoo qabaate, amala biffisa  dhokataa hin agarsiisu garuu sanyii isaaf dabarsuu danda’a.

Fakkeenyaaf, Mee amala halluu ijaa nama keessa jiru haa ilaallu. Mee biffisni halluu ija magaala (B) biffisni halluu ija cuquliissaa (b) irratti ol’aantummaa qaba, biffisni mo'ate  immoo qubee gurguddaatiin bakka bu’a haa jennu. Namni dhuunfaa tokko jeenootaayipii ykn ruqoo dhaalmayaa BB yookiin Bb ( B'n biffisa mo'ataa) yoo ta'e, biffisni mo'aataan (B)'n ibsa ykn amala biiffisa dhookataa (b) haguuguun ykn dhooksuun ija magaala qabaata. Haa ta’u malee, namni dhuunfaa tokko jeenootaayipii bb (bakka biffisoonni lamaan dhukatoo ta’an) yoo qabaate, biffisni mo'ataan ibsa biiffisa dhookataa (b) haguugu ykn dhooksuu waan hin jirreef ija halluu cuquliissaa qabaata.

Fakkeenya kana keessatti, biffisni halluu ijaa magaalaa (B)n mo'ataa yoo ta’u, biffisni halluu ijaa cuquliisaa (b) ammoo dhokataa dha. Namoonni dhuunfaa ija halluu cuquliissa qabaachuuf  biiffisa dhookataa (bb) lama dhaaluu kan qaban yoo ta’u, yoo xiqqaate biffisni mo'ataa (B) jiraachuun isaa ija magaala ni fida.