Abuurraa Afrikaa
Ji'oogiraafin Kaaba Afrikaa bara duriitii kaasee ji'oogiraafii Giriikoo-Rooman keessatti sirriitti ni beekkama. Kaabni-dhiha Afrikaa (Maagiriib) maqaa Liibiyaa ykn ammoo Afrikaa jedhamuun beekkama, karaa biraa Ijiipti akka qaama Eeshiyaatti ilaallamti turte. Abuurraan Afrikaa Sahaaraa-gadii Bara Abuurraa jaarraa 15ffaatti jalqabe, kunis baayyinaan mootummoota naannoo qarqara galaanaa jiranirratti kan murtaa'e yoo ta'u yeroon kunis yeroo Addunyaa Haaraa itti abuuranii fi gabroomsan ture. Kanaaf, abuurraan keessoo Afrikaa Araboota daldalaa garbaarratti hirmaataniif dhiifame. Kunis Islaamotaan gabroomfamuu Sudaan wajjin walqabatee cimdaa lafa fagoo ga'u hundeessun jaarraa 15ffaa hanga 18ffaa dinagdee mootummoota Saahel hedduu deeggaraa ture. Jalqaba jaarraa 19ffaatti, beekkumsi warri Yuurooppi ji'oogiraafii keessoo Afrikaa Sahaaraa-gadiirratti qaban baayyee murtaa'aa ture. Ji'ooloojii Afrikaa ballinaan qorachuun, abuurtota Biriitish kan bara-Viiktooriyaa kan maddaa laga beekkamaa ta'e Naayil barbaadaa turaniif dhiifame.
Daldala garbaa Arabaa
gulaaliBara Giddu-galeessa keessa, keessoo Sahaaraa fi Saahel akkasumas qarqara bishaanii Siwaahilii hanga Moozambiikitti qorachuun pirojektii wara Islaamaa ture, kunis gitta bittaa fi daldala garbaatifi yaaddame. Moozambiik keessatti daandin abuurraa kan Porchugaalii fi kan Araboota walitti dhufe.
Erga Kaaba Afrikaa qabatanii booda, Araboonni Muslima ta'an Afrikaa Sahaaraa-gadii sulula Laga Naayil hordofuun gara Nuubiyaatti, boodarras Sahaaraa qaxxaamuruun gara Afrikaa Dhihaatti deeman. Jarri kun daldara Sahaaraa-qaxxaamuru keessatti hirmaachuu barbaadu ture, keessattuu daldala garbaa. Baballinnii aadaa Arabaa fi Islaamaa kun kan dhawaataa dhufe yoo ta'u kunis Bara Giddugaleessa keessa ture. Mootummaan Kiristaanaa kan Nuubiyaa jaarraa 7ffaa dhiibbaa keessa seente, garuu jaarraa hedduudhaf faccisan. Motummaan Makuriyaa fi Dongoolaa Durii jalqaba jaarraa 14ffaa keessa kufani. Amantii Islaamaa Afrikaa keessatti baballisuu keessatti shoora guddaa kan tabate warra Suufii yoo ta'u yeroonsaas jaarraa 9ffaa hanga 14ffaatti; kunis daandii daldalaa Kaaba Afrikaa fi mootummoota Sahaaraa-gadii Gaanaa fi Maalii gidduu jiru hordofuun babal'ate. Afrikaa Dhihaatti, qarqara Laga Niijeritti zaawiyya dhaaban. Impaayerri Maalii Muusaa I bara 1324 sagadaaf Makkaa erga dhaqee booda Islaama taate. Timbuktuun wiirtuu aadaa Islaamaa Sahaaraa-gadii guddaa taate. Aloodiyaan, iddoo kan dhumaa kan Nuubiyaa Kiristaanaa kan turte, bara 1504tti Funjiin barbadoofte.
Imala Poorchugaal kan jalqabaa
gulaaliAbuuran Poorchugaal Piriinsi Henriin, nama haala tooftawaa ta'een Afrikaa fi daandii galaanarraa kan gara Indiyaatti geessu qorate kan jalqabaati. Mana jireenyasaa kan naannoo Algareeve kibba Poorchugaalitti argamurraa, jila Afrikaa qaxxaamuree Indiyaa deemu hedduu hooggane. 1420tti, Henriin jila odola namni irra hinjiraanne garuu kan bu'aa tarsiimoo qabdu Madiiraa akka qabataniif erge. 1425, Henriin Odoloota Kanaarii qabachuu yaalee ture, garuu odolli kun too'annoo Kastiliyaan jala turte. 1431tti, jilli Poorchugaal kan biraa Azoores ga'ee lafasaa qabate.
Kaartan galaanarra yeroo deeman itti fayyadaman kan 1339 akka agarsiisutti, warri Yuurooppi Odoloota Kanaarii sana durayyuu ni beeku ture. 1341tt, abuurtonni Poorchugaalii fi Xaaliyaanii waliin jila abuurraa deemu qopheessan. 1342tti, Katalaanonni jila abuurraa kan Firaansiis Desvaalersiin hoogganamu gara Odoloota Kanaarii kan deemu qopheessan, jilli kunis Maayoorkaarraa ka'ee socho'e. 1344tti, Phaaphaasi Kilementi VI lammii Firaansi kan ta'e admiiraal Luis de la Cerda dhaaltuu mootii Forchuun godhe, Odoloota Kanaariis akka qabatuuf erge. 1402tti, Jean de Bethencourt fi Gadifer de la Salle Odoloota Kanaarii qabachuuf deemani garuu sana Kastiliyaanin saamamtee akka turte argan. Jarri kun odoloota kana gita bittaan qabataniyyuu, kan Bethencourt wasiila/eessuma ta'uuf bara 1418tti dirqamee Kaastilii kenne.
1455 fi 1456tti abuurtonni Xaaliyaanii lama, Alvise Cadamosto Veenisirraa fi Antoniotto Usodimare Jeno'aarraa, kaapiteenii maqaasaa hin dha'amin kan Piriinsi Heenriif hojjatu Poorchugaalirraa dabalatanii Laga Gaambiyaa hordofanii deemun Senegaal daawwatan. Yeruma sana lammummaan Xaaliyaanii kan ta'e Antonio de Noli Gono'aarraa, Piriinsi Henriif hojjachuun odoloota Bijagós qorate, akkasumas lammii Poorchugaal kan ta'e Diogo Gomes wajjin Odoloota Keeppi Veerdee qorate. Antonio de Noli, bulchaa Keeppi Verdee kan jalqabaa kan ta'e (lammii Yuurooppi kan Afrikaa Sahaaraa-gadii keessatti gita bittaan bulchaa jalqabaa ta'e), namoota Keeppi Verdee argatan keessaa nama odloota jalqabaa argate jedhamee fudhatama.
Qarqara galaanaa Afrikaa bahaa fi dhihaa keessatti, qorannaan suuta deemaa ture; abuurtonni Poorchugaal Keeppi Bojaador 1434tti Keeppi Bilaankoo 1441tti ga'an. 1443tti, dawoo waraanaa odola Arguin Moritaaniyaa amma keessatti kan argamturratti ijaaran, achittis qamadii Yuurooppirraa fidan garboota Afrikaa fi warqiin daldalu turan. Warqeen Sudaan karaa daldaltoota Islaamaa odoo hin taane yeroo jalqabatif qajeelton harka warra Yuurooppi kan ga'e yeroo kana ture. Garboonni hedduun gara Madeeratti ergamu turan, Madeeran erga bosonnisaa sirriitti ciramee booda lafa oomishaa warra Yuurooppi kan jalqabaa ta'e. 1444 fi 1447 gidduutti, Poorchugaal qarqara Garbaa Senegaal, Gaambiyaa fi Giinii qoratte. 1456tti, kaapiteeniin Vaatikaan Alvise Cadamosto, hooggana Poorchugaal jalatti, odoloota Keeppi Verdee qorate. 1462tti, erga Piriinsi Henriin du'ee waggaa lama booda, abuurtonnii Poorchugaal odoloota Bisaa'uu qorachuun Serra Leoa jechuun moggaasan (Tulluuwwan Leencaa).
1469tti, Fernaa'oo Gomeez mirga Afrika qorachuu waggaa shaniif kireeffate. Hoggansa isaatin, bara 1471tti, warri Poorchugaal Gaanaa ammaa kana ga'an, iddoo Aa Miinaa (bakka albuudni ba'u) jedhamus qubatan, boodarras iddoon kun Elmiinaa jedhame moggaafame. Dhumarratti, biyya warqeen badhaate akka ga'an hubatan, maqaa "Gold Coast" (qarqara bishaani warqeen badhaate jechuudha) Elmiinaaf kennani.
Bara 1472tti, Fernaa'oo Du Po odola jaarraa hedduuf maqaa isaatti moggaafamte (amma Bi'ookoo jedhamti) argate. Akkasumas laga shiriimpii hedduu qabu (Afaan Poorchugaalin: camarão) argate, biyya kunis Kaameruun jedhamtee moggaafamte.
Sana booda oduma hinturin, warri Yuurooppi mudhii lafaa qaxxaamuran. Poorchugaal Sa'oo Toomee keessatti buufata hundeessan, kunis 1485 booda bakka yakkamtoota irra qubachiisan ta'e. 1497 booda, Yihudoonni Ispeenii fi Poorchugaalii ari'aman biyya sanatti qubatanii boqonnaa argatan.
Bara 1482tti, Diogo Cão laga guddaa galaanatti galu argate, mootummaa guddaan Koongoo jedhamus akka jirus bare. Bara 1485tti, laga guddaa kana gara burqaasaatti asii ol deeme qorate.
Warri Poorchugaal garuu, waan hunda caala, karaa gara Indiyaa nama geessu argachuu barbaadu ture, kanaafis Afrikaa garjallaa darbuuf yaalaa turan. Bara 1485, jilli João Afonso d'Aveiros, kan qorataa urjii lammii Jarman Maartin Behaayim of keessatti qabate, qarqara galaana Beeniin qorate, odeeffannoo mootii Afrikaa keessaa Ogaanees kenne.
Bara 1488tti, Baartoloomiyoo Diyaas fi hooftuu bidiruusaa Pêro de Alenquer, erga fincila bidiruu keessaa dhaamsanii booda, lafa bishaan keessa gadi seenu tokko qaxxaamuran yeroo deeman buubbee hamaan qabaman, lafa kanas Keeppi oof Istoorms jedhanii moggaasan. Xinnoo kaabatti jallachaa gara bahaattii akka deemu waan arganiif, qarqara galaanaa hordofuun amma tokko deeman. Wantoota jireenyaf barbaachisan of harkaa waan fixaniif, dhumni Afrikaa kanuma jedhanii amanuun gara duubatti deebi'an. Gara Poorchugaalitti yeroo deebi'an, Keeppin isaan bira ga'anii deebi'an sun Keeppii Abdii Gaarii (Keeppi oof gud Hooppi) jechuun moggaafame.
Waggoota muraasa booda, Kiristoofar Kolombos ajaja Kaastil kan morkataa ta'een Ameerikaa argate. Phaaphaasii Aleeksaander VI seera haaraa tume, kanaanis kutaa addunyaa kiristaana hintaane biyyoota Kaatolikii wal firrisan lamaan, Ispeeni fi Poorchugaalif addaan qoode.
Dhumarratti, bara 1497 fi 1498 gidduutti, Vaaskoo da Gaamaa, Alenquer akka hooftuu bidiruutti fudhachuun, karaa qajeelton gara Keeppii Abdii Gariitti (Keeppi oof gud Hooppi) geessuun St. Heleenaarraan goruun deeman. Da Gamaan bakka duraan Diyaaz ga'e darbee fagaachuun deeme, biyyasaas Naataal jedhee moggaase. Sana booda gaara kaabaatti deeme, Quelimane (Moozambiik) fi Mombaasaa, bakka itti daldaltoota Chaayinaa argate, fi Maalindiitti (lamaanuu Keeniyaa ammaa keessa) bidirusaas qubsiise. Magaalaa kanatti, bololiisaa (hooftuu bidiruu) Arabaa mindeessun qajeelton gara Kaalikutitti karaa jalqabe. Hagayya 28, 1498tti, Mootin Poorchugaal Maanu'eel bidiruunsaanii akka Indiyaa geesse phaaphaasiitti oduu gammachiisaa hime.
Ijiiptii fi Veenis odeffannoo kanaaf deebii jibbiinsaa kennan; waliinis, Galaana Diimarratti, bidiruu Poorchugaal kan Indiyaa wajjin daldala jalqaberratti haleellaa banan. Poorchugaal, bidiruuwwan kana bara 1509tti naannoo Di'uutti injifatte. Abuurraa Poorchugaal geggeessituuf dhimma kan hinqabaatin Impaayerri Otomaan Poorchugaal daldala karaa Garba Indiyaa akka guutummaan too'attuuf karaa bane. Warri Poorchugaal qarqaraa garbaa baha Afrikaatti buufatawwan hedduu hundeessan, Moozambiikii kaasee hanga Somaaliyaatti. Bara 1513ttis Eden qabatan.
Bara 1500tti, hoomaan bidiruu kan Pedroo Alvaarees Kabraalin hoogganamu, kan karaa Vaaskoo Da Gamaa duraan Indiyaa dhaqe hordofee deemu, Garba Indiyaa keessatti hobomboleettii hamaan addaan bittinneeffame. Bidiruuwwan kana keessa tokko kan Diyoogoo Diyaazin hogganamu qarqaraa galaanaa haaratti dhufe. Waggaa lama booda, kaartan ba'e odola baha Afrikaatti argamu yoo agarsiisu maqaa Madagaaskaar jedhu qaba ture. Garuu, odola sirriitti kan qoratan jaarraa tokko booda bara 1613 fi 1619 gidduutti ture. Waligaltee bulchitoota aadaa wajjin mallatteessuun mishiinota jalqabas ergan, garuu ummata biyyasii wa'ee si'oolii amansiisuu dadhaban, dhumarrattis biyyasii ari'aman.
Seenaa ammayyaa kan duraa
gulaaliLammii Poorchugaal
gulaaliPoorchugaalonnii Afrikaa keessa jiraachun fedhii daldalaa Araboonni qaban wajjin battalumatti wal faalleessu jalqabe. Hanga bara 1583tti, Poorchugaalonni Zaanzibaarii fi qarqara galaanaa Siwaahilii qabataniiru. Mootummaan Koongoo bara 1495 Kiristaanummaa fudhate, mootin Koongoos maqaa Zyuwaa I jedhu moggaafate. Warri Poorchugaal fedhii daldalaa kan Mootummaa Mutaappaarratti qaban jaarraa 16ffaatti lafa qabsiisan. 1629ttis bulchaa isaanin ajajamu angoorra kaa'an.
Poorchugaalonni (fi boodarra Daachonni) mootummaa Jaggaa kan garboota Koongoo keessaa butuuf duula geggeessu deeggaruun diinagdee garbootaa kan naannichaa keessa seenan. Mootummaa Koongoos mootummaa ollaa ishii Nidoongoo, kan mootittiin isaanii Nizingaan karoora Poorchugaalii fi Jaggaa faccisaa turte, dadhabsiisuf itti fayyadaman. Porchugaalonni wal dhabdee kana keessa humna waraanatiin seenan, kunis kolonii isaanii Angoolaa qabachuuf karaa baneef. Bara 1663tt, waraana biraa booda, Mootin Koongoo gara Liisbanitti ergame. Sanas ta'u, mootummaan Koongoo kan dadhabaa ta'e hanga 1885tti jira ture. Bara kana, mootin Koongoo kan dhumaa Peediroo V biyya isaa dabarsee Poorchugaalif kenne.
Poorchugaal mootummaa jabaa Kibba Afrikaa kan ta'e Monomotaappaa (kan Zimbaabuwee har'aa keessa ture) akkaatadhuma sanaan qabatte: Poorchugaal waraanaa warri naannichaa godhan gidduu seente, kanas albuuda hedduu argachuun yaaddee goote. Mootummaa sanas of jalatti galchuun ajaja isaanirraa akka fudhatu goote. Angoon Monomotaappaa sababa warraa biyya alaatin yeroo laamsha'u, jeequmsi baayyate. Warri albuuda baasan godaanuu jalqaban, lafa albuudni ba'aa tures harka Poorchugaal akka hin galle awwaalan. Yeroo bara 1693 ollaan ishii Kangamaayersi biyyattii weerartu, Poorchugaalonni kufaatii isaanii fudhatanii gala qarqara galaanaatti baqatan.
Daachi
gulaaliJarraa 17ffaarraa kaasee, warri Neezerlaandi Afrikaa abuuruu fi koloneeffachuu jalqaban. Yeroo Daachoonni Ispeenirraa bilisa ba'uuf waraana dheeraa geggeessaa turanitti, Poorchugaal Ispeen wajjin hiriirte, kunis 1580 jalqabee 1640tti dhaabbate. Sababa kanaaf, fedhiin Neezerlaandii kolonii babal'ifachuuf qabdu Poorchugaalirratti kan xiyyeeffate ture. Kana raawwachuufis, kaampaaniin Daachi lama dhaabbatan: Westi Indiis Kaampaanii, kan Garba Atilaantikii too'achuuf aangoo guutuu qabu, fi Isti Indiis Kaampaanii, kan Garba Indii too'achuuf aangoo qabu ture. Kaampaaniin Westi Indiis bara 1637 Elmiinaa fi bara 1640 Luwaandaa humnaan qabate. Bara 1648tti, warri Daachi warra Poorchugaalin Luwaandadhaa ari'aman. Walumaagalatti, warri Daachi buufata waraanaa 16 iddoo addaddaatti ijaaran, kunis Goree kan Senegaal keessa jirtu dabalata. Daldala garbaatin Poorchugaal caalun iddoo guddaa qabatan.
Warri Daachi Afrikaa Kibbaa kan Poorchugaal fedhii dhabuun dhiistee turte irratti jijjiirrama guddaa fidan. Daachonni Afrikaa Kibbaa imala gara Eeshiyaa Bahaatti godhaniif akka buufataatti fayyadamuuf murteessan. Yaan vaan Rebeek 1852tti magaalaa Keep Taawon hundeesse, kunis abuurraa fi koloneeffachuu Afrikaa Kibbaa jalqabsiise.
Dhufaatii Yuurooppi kan Jalqabaa Kaan
gulaaliYeroodhuma Daachi Afrikaa dhufte sanatti, humnoonni Yuurooppi kaanis daldala garbaa geggeessaniif akka gargaaruf buufata dhaabuuf yaalii gochaaaa turan. Bara 1530, Daldaltoonni Ingilaandi Afrikaa Dhihaa dhufanii daldaluu jalqanii turan, yeroo kanas loltoota Poorchugaal wajjin walitti bu'uun dhufe. Bara 1581tt, Firaansis Direek Afrikaa Kibbbaa Keeppi oof Gud Hooppi ga'e. 1663tti, warri Ingilaandi Gaambiyaa keessatti buufata waraanaa Foorti Jeemsi ijaaran. Waggaa tokko booda, jilli koloneeffattuu kan Ingilaandi kibba Madagaaskaar qubachuuf yaalii godhe, koloneeffattoonnii baayyen isaanii ni dhuman. Buufanni waraanaa Ingilandii kan Dhiha Afrikaa turan boodarra warra Daachin fudhataman. Bara 1626tti, kaampaani Firaansi Compagnie de l'Occident hundeeffame. Kampaanin kunis warra Daachi Senegaal keessaa baase, kanaanis Afrikaa keessatti lafa Firaansi qabatte kan jalqabaa ta'e.
Firaansis ija ishii Madagaskaar, odola bara 1527 irraa kaasee imala gara Indiyaatti godhamuuf akka iddo haara galfitti tajaajilaa turte, irraa buufatte. 1642tti, Kaampaaniin Fireenchi Isti Indiyaa kibba Madagaskaaritti iddoo qubsumaa kan Foorti Doofiin jedhamu hundeesse. Bu'aan daldala qubsumma kanaarraa argame baayyee xiqqaa yoo ta'u qubattoonni baayyen isaani ammas ni dhumani. Qubattoota kana keessaa kan lubbuun hafe, Itiyeen dii Filaakorti, kitaaba Seenaa Odola Guddicha Madagaskaar fi Hariiroo jedhu maxxanse. Kitaabni kun yeroo dheeraaf warra Awurooppatiif odola Madagaskaar irratti madda odeeffannoo guddaa ture. Yaaliin qubsumaa dabalataas baayyee hin milkoofne, garuu 1667tti Firaansowaa Maartiin jila hoogganudhaan gara keessoo Malaagaasy seenee, Haroo Ala'otraas ga'e. 1665tti, Firaansi sadarkaa mootummaatti Madagaskaar kan ishii ta'uu himatte, maqaa Ile Duufinee jedhamu kenniteef. Ta'us, hanga jaarraa 19ffaatti sochiin kolonii xiqqaa ture. 1657tti, daldaltoonni Iswiidin biyya Gaanaa ammaa kana keessatti Keeppi Koosti dhaaban, garuu yeroo gabaabaa keessatti Deenmarrki-Noorweyi kan naannoo Akraa ammaatti Foorti Kiristiyaanboorgi dhaabaniin buqqifaman.
1677tti, Mootin Piraashiyaa Fireediriik Wiliyaam I jila gara qarqaara galaa Afrikaa Dhihaatti erge. Ajajaan jilichaa, Kapteen Biloonko, walii galtee warra aradaallee Gooldi Koostii bulchan wajjin mallatteesse. Achittis, Piraashiyaanonni buufata waraanaa Giroos Firidiriishburgi ijaaran, akkasumas kan warri Poorchugaal gadidhiiasanii deeman buufata waraanaa Argu'iin deebisanii hojii jalqabsiisan. Garuu 1720tti, mootichi buufatawwan kana dakaatii 7,000 fi garboota 12n, ja'an isaanii kan cancala warqii qulqulluudhan hidhaman, Neezerlaanditti gurgure. Warri Biritiish feedhii Afrikaa qabachuuf qaban bara 1788tti jaarmayaa Dhaabbata Keessoo Afrikaa Abuuruu Dhaadhessu jedhamu hundeessun agarsiisan. Namoonni garee kana hundeessan kan haamilee argatan lammii Iskoot kan ta'e Jeemsi Biruus irraa ture, Jeemsi Biruus 1769tti gara Itoophiyaa imaluun madda Laga Naayil argee waan tureef.
Walumaa galatti, jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa abuurraan warri Awurooppaa Afrikaa irratti godhan baayyee murtaawaa ture. Irra caala, daldala garbaa irratti xiyyeeffachaa turan, kunis buufata qarqara garbaa fi meeshaa itti daldalan qofa barbaada ture. Abuurraan keessoo Afrikaa inni dhugaa jaarraa 19ffaa keessa jalqabe.
Jaarraa 19ffaa
gulaaliWaraanonni Nappooliyoon xiyyeeffannoo hojii Afrikaa abuuruu Awurooppaa yoo hirriseyyuu, waraanonni sun egeree ardicharraatti dhiibbaa guddaa uumee, kunis Ijiiptii fi Afrikaa Kibbaa keessatti. Koloneeffamuun Ijiipti (1798-1803), jalqaba Firaansiin itti aanseemmoo Biriiteniin, Impaayerri Otomaan biyyattii to'aannoo isaa jala akka oolchu taasise. Bara 1811tti, Mehemet Alii biyya irra guddeessa ofiin bultu hundeesse, 1820rraa kaasee Sudaan Bahaa bulchiinsa Ijiipti jala galche. Afrikaa Kibbaatti, wallaansoon Naappooliyoon waliinii, Biriiteen akka qubsumma warra Daachi kan Keepii keessa jiru akka fudhattu taasise. 1814tti, Koloniin Keeppi, kan 1806 kaasee loltoota Biriiteniin qabame, seera guutee mootummaa Gonfoo Biriitenitti dabarfame.
Yeroodhuma kana, kutaalee Afrikaa biraa keessatti jijjiirramni guddaan dhufeera. Aljeersi Firaansiin 1830tti qabamuun ishii saamicha galaanaarraa kan mootummoonnii Baarbarii geggeessan dhaabsise. Bulchiinsi Ijiiptii gara kibbaatti babal'achuu ittuma fufe, kunis beekkumsa Laga Naayilirratti jiru dabale. Magaalaan Zaanzibaar, kan odola Zaanzibaarirra jirut, saffisaan barbaachisummaa argate. Odeeffannowwan garbaa guddaatu Afrikaa keessa jira jedhuu fi Tulluu Kilimanjaaroo kan cabbii mataarraa qabu 1840-1848 argamuun, fedhii warri Awurooppaa Afrikaa beekuf qaban akka dabalu taasise.
Walakkeessa jaarraa 19ffaa keessa, mishinaaroonni piroteestaantii qarqaraa garbaa Giinii, Afrikaa Kibbaa fi Zaanzibaar keessatti hojii amantii hojjaachaa turan. Mishinerooonni iddoowwanii fi uummata duraan hin beekkamne dhaqaa turan, yeroo baayyeess ofuma isaanii abuurtotaa naannolee haaraa qoratan ta'u, akkasumas daldala fi impaayera jalqabsiisu. Deevid Liviingistoon, mishineriin biyya Iskoot, 1840 irraa kaasee kaaba Laga Oreenjji keessatti socho'aa ture. 1849, Liviingistoon Gammoojjii Kalahaarii kibbaarra gara kaabaatti kutee ce'uun Haroo Nigamii ga'e. Bara 1851 fi 1856 gidduutti, Afrikaa gara Dhihaarraa gara Bahaatti imale, yeroo kanas bishaan bishaan bidiruun irraa deemuu danda'u Laga Zaambeezii gara olii arge. Sadaasa 1855tti, Liviingistoon nama Awurooppaa Finca'aa Viktooriyaa arge kan jalqabaa ta'e, fincaa'an kun maqaa Mootittii Biriteenin moggaafame. 1858 irraa hanga 1864tti, Liviingistoon Zaambeezii gara gadii, Laga Shiree fi Haroo Niyasaa abuure. Haroo Niyaasaa kan jalqaba argate garba amanamaa kan Antooniyoo daa Silvaa Poortoo, daldalaa Poorchugall kan Angoolaa keessa Bi'ee qubate, ture. Garbichi kun 1853-1856tti Afrikaa Benqulla irraa gara Roumaa deemunn Afrikaa qaxxaamure. Kaayyon guddaan abuurtoota madda Laga Naayil argachuu ture. Jilli Burtoon fi Ispeeke (1857–1858) akkasumas Ispeeke fi Giraant (1863) Haroo Tanganyika fi Haroo Viktooriyaa argate. Boodarraas Lagni Naayil Haroo Viktooriyaa irraa akka maddu barame.
Henrii Mortan Istaanlii, nama 1871tti Liviingistoon argatee akkasumas gargaarsa godheef (jechama "Dr Liviingistoon, natti fakkaata" kan uume), lammata gara Zaanzibaar deemuf 1874 qajeele. Jila abuurraa Afrikaa hunda keessaa haala baayyee yaadatamuun, Istaanliin Viktooriyaa Niyaanza (Haroo Viktooriyaa) fi Haroo Tangaanikaatti geejjiba bishaanirraatti itti naannaa'ee ilaale. Sana darbee lafa naannoo Lu'alabaa qorachuun, Istaanliin laga hanga Garba Atilaantiikitti hordofee deeme - garba kana 1877tti ga'e - lagni kunis Laga Koongoo ta'uu mirkaneesse.
Tarree abuurtotaa
gulaaliJaarra 15ffaa
gulaali- Diogo Cão
- Diogo de Azambuja
- Bartolomeu Dias
- Pêro de Alenquer
- João Infante
- João Grego
- Álvaro Martins
- Pêro Dias
- Gil Eanes
- Nuno Tristão
- Antão Gonçalves
- Dinis Dias
- Álvaro Fernandes
- Pêro de Sintra
- Fernão do Pó
- Alvise Cadamosto (Venetian)
- António de Noli (Genoese)
- Diogo Gomes
- Álvaro Caminha
- João de Santarém
- Pedro Escobar
- Duarte Pacheco Pereira
- Diogo Dias (and Indian Ocean, discovered Madagascar)
- Lopes Gonçalves (and Atlantic Ocean)
- Vasco da Gama (and discovered sea route to India)
- Paulo Dias de Novais
Ammayyaa jalqabaa
gulaaliJaarraa 19ffaa
gulaali- Heinrich Barth
- Pierre Savorgnan de Brazza
- Johann Ludwig Burckhardt
- Frederick Russell Burnham (1861-1947), an American explorer of south, west, central, and east Africa.
- Richard Francis Burton (1821–1890) (African Great Lakes)
- René Caillié
- Hermenegildo Capelo
- Roberto Ivens
- Candido José da Costa Cardoso (visited Lake Malawi [also known as Lake Nyasa or Lake Niassa] in 1846)
- Paul Du Chaillu
- Hugh Clapperton (1788–1827), explored west and central Africa
- Victor de Compiègne
- Dixon Denham (1786–1828), explored west central Africa.
- James Frederic Elton (1840–1877)
- Emil Holub
- Ignatius Knoblecher (1819–1858), explored the White Nile basin
- Alexander Gordon Laing (1793–1826)
- Richard Lemon Lander (1804–1834)
- Oskar Lenz (1848–1925), expeditions in 1879-80 (trans-Sahara) and 1885-87 (Congo)
- David Livingstone (1813–1873)
- Frederick Lugard (1858–1945)
- Serpa Pinto (soldier and colonizer of Africa)
- António da Silva Porto
- Arthur Henry Neumann (1850-1907)
- Mungo Park (explorer) (1771–1806)
- Georg Schweinfurth
- Frederick Courtney Selous (1851-1917)
- Henry Morton Stanley (1841–1904)
- John Hanning Speke (1827–1864) (discovered the source of the Nile)
- James Kingston Tuckey (1776–1816)