Abooma mitiku Waqoo

Abboomaan maatii barateefi qabsaa’aa keessaa bahe’ Abbooman, Obbo Mitikkuu Waaqoofi haadhasaa Aadde Margee Miijanaaf ilma angafaati.

Obbolootasaa keessaa Abeel Mitikkuu yeroo dheeraaf waliin qabsaa’aa akka turan kan himan Obbo Dheeressaan, Abboomaa Mitikkuu maatii qabsa’aa, jabaafi barate keessatti dhalatee akka guddate dubbatu.

Abbaan Abboomaa Obbo Mitikkuu Waaqoo Yuunivasriitii Haramayyaa irraa bara bulchiinsa Hayilassillaasee nama digrii jalqabaan eebbifamaniifi miseensa Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis hirmaannaa guddaa qabaniidha. Baaroo Tumsaa fa'aa waliinis walitti dhufeenya gaarii akka qabanis himu.

"Barattoonni Oromoo bakka garaa garaa irraa dhufne mana Obbo Mitikkuutti wal-geenyee waa'ee qabsoo mariyataa turre," jechuun Abboomaa qofa osoo hin taane maatinuu qabsoo keessa akka turan himu.

Maatii qabsaa’aafi barate keessatti dhalachuun Abboomaafi obbolootasaa kan akka Abeeliif ija qabsoo akka baneefis

Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaa Mitikkuu Gimbiitti dhalatus maatinsaa nama barateefi qabeenya waan qabaniif yeroo inni daa’imaa Finfinneetti galan. Kanarraa kan ka’e Finfinneetti yeroo sana manneen barnootaa bebbeekamoo kanneen akka American Community School fa’aatti barate. Mana baruumsaa kanatti ijoollee lammiilee biyya alaafi namoota qabeenya qabaniitu barata ture. “Obbo Mitikkuun miseensa [Waldaa] Maccaafi Tuulamaa keessaa tokko turan. Maatii sabboonaafi qabsaa’aa keessaa dhalata gurbaan kun [Abbooman] jedhu.

Obbo Dheeressaan akka jedhanitti, Abboomaa Mitikkuu Gimbiitti dhalatus maatinsaa nama barateefi qabeenya waan qabaniif yeroo inni daa’imaa Finfinneetti galan. Kanarraa kan ka’e Finfinneetti yeroo sana manneen barnootaa bebbeekamoo kanneen akka American Community School fa’aatti barate. Mana baruumsaa kanatti ijoollee lammiilee biyya alaafi namoota qabeenya qabaniitu barata ture.

“Dhumarratti hanga yunivarsiitii galutti [kutaa 9-12] mana baruumsaa 'elliitii' [warri qaroon itti baratan] Tafarii Makonninitti barate,” jechuun Abboomas ta’ee maatii isaa wajjin sirriitti akka wal-beekan dubbatu Obbo Dheeressaan.

Baruumsan waggaa lama Abboomaa akka dursan kan himan Obbo Dheeressaan, osoo inni yunivarsiitii hin galiin daa’imummaa kaasee akka beekaniifi nama yaada ‘tarkaanfataa’fi waa walitti qabuufi gurmeessuu jaallatu akka ta’es himu.

Maatiin Abboomaa Mitikkuu Finfinneedhaa mana jireenyaafi jireenya fooyyee kan qaban ta’uusaanin manneen barnootaa bebbeekamootti barachuuf carraa argachuusaarraa kan ka’e Abbooman baruumsatti cimaafi dandeettii afaan Ingiliffaallee sirriitti qaba ture.

Kanarraa kan ka’e namoonni Abbomaa wajjin falmanii amansiisun akka itti ulfaatu himu Obbo Dheeressaan.

Yunivarsiititti Mallas Zeenaawwii caala Abboomaa Mitikkuutu beekamaa ture’ Abboomaa Mitikkuu osoo warraaqsi barattootaa hin eegalin dura bara 1973tti Yunivarsiitii Finfiinnee seene. Osoo inni waggaa lammaffaa baruumsa Ikonomiksii barataa jiruu warraaqsi barattootaa bara 1974tti dhohe. Yeroo sana namoota inni wajjin ture keessaa tokko qondaala duraanii TPLF waraana Kaaba Itoophiyaarratti du’e Abbaay Tsahaayyee wajjin Ikonomiksii barataa turan.

Muummee Ministeera duraanii Itoophiyaa kan turan Mallas Zenaawwii caalaa Abboomaafi Abbaay Tsahaayyee beekamoo akka turan himu Obbo Dheeressaan. Yeroo sana barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’uun dorgommii cimaa qaba ture. Barattoonni Oromoofi kan Tigraay irraa dhufan aangoo gaggeessummaa barattootaa of-harka galfachuuf dorgommii falmii cimaan akka turetu himama.

Abbooman nama Finfinneetti guddate ta’uusaatin barattoota saboota garaa garaa irraa dhufan biratti baay’ee jaallatamaa ture.

“Laggasaa [Mallas] Zeenaawwii beekamaa hin turre, inumaayyuu Abbaay Tsahaayyetu irra beekamaa ture. Mallas, Siyyee, [Abbaay Tsahaayyee]fi Abboomaan fa’aa 'baachii' tokko turan. Abboomaa wajjin kan dorgommii seene Mallas osoo hin taane namoota biraati.

“Ijoollee Finfinnee waan ta’eef warra Amaaraa, Oromoofi [kaan birratti] baay’ee jaallatama ture. Dandeettii cimaa qaba. Yoo barbaades konkolaatadhaan deema, garuu of-hin tuulu.

Xiiyyeeffannoonsaa qabsoo Oromoo jajjabbeessuufi ijoollee Oromoo jajjabeessurratti ture,” jechuun Abbooman sagalee guddaadhan barreessaa olaanaa Gamtaa Barattootaa ta’ee akka filatame kaasu gameessi siyaasaa Obbo Dheeressaa Qixxee. Hogansa ABO keessaa nama jabaa kan ture Baaroo Tumsaa du'uun ABOtti rakkoo uume.

iDu'uu Baaroo Tumsaan wal-qabatee waggoota dheeraf odeeffannoon ifa ta'e hin turre. Guyyaa Baaroo Tumsaa ajjeefamu namoota bira turan keessaa Obbo Leencoo Lataa fa'aa akka bira turan kan himan Obbo Dheeressaan, Baaroo kan ajjeese Badhoo Dachaas- namuma isaan waliin qabsootti gatii kaffale akka ta'e himan.

Hub: [Odeeffannoon Baaroo Tumsaa kan ajjeefame Badhoo Dachasiin jedhu addatti maatiirraa ykn dhaabarraa ifatti kan mirkanaa'e miti. Yaada dhuunfaati.]

"Badhoo Dachaas harka maaliin Baaroo Tumsaa ajjeese? jennee gaafanne. "Baaroo kan ajjeese hiriyaa kiyya Badhoo Dachaasi. Gurbaan mataa dhukkubsatee ture, Baaroo fa'aa anatu wal-barsiise. Waan mataa dhukkubsateef malee sagantaa biraa qabaatee miti Baaroon kan ajjeese.

"Leencoofi Abbaan Caalatuu bira turan. Leenconuu akka tasaatti bahe," jechuun Baaroon du'uunsaa waraana ijaarurratti rakkoo uumee akka ture himan Obbo Dheeressaan.

Boodarra namoonni akka Abboomaa Mitikkuufi Magarsaa Barii fa'aa waraana deebisanii ijaaran.

Yeroo qondaalonni ABO du'a Baaroo Tumsaarraa bayyanatanii waraana ijaaruu eegalan, Somaaliyaan duraan ABO ofirraa dhiibaa turte simachuun ABO dhaaf waajjira bante. Gama biroon ammoo ABOn yeroo sana Sudaan, Kaartumutti biiroo banatee ture.

"Warri Kaartuum jiran, Leencoo, Diimaa, Xahaa Abdii fa'aa Moqaadishoo dhaqanii hoggansi ABO Moqaadishoo akka dhaqu yeroo ergaa itti ergan, karaa Ogaaden keessa otuu bahanii Shinniggaa bakka jedhamutti Abboomaa dabalatee namni 10 bakka tokkotti dhuman," jechuun seenaa qondaalonni ABO shiftoota Somaaliyaatiin itti ajjeefaman yaadatu.

Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii) marsaa jalqabaa dhoksaan Baaroo Tumsaa namoota jaha koodii icciitii M-6 jedhuun Somaaliyaatti erge keessa ture.

Marsaa lammataa ammoo karaa Ogaaden miilaan qaxxaamuruuf qondaalota ABO kanneen akka Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaan, Dhaddachoo Boruu fa'aa wajjin gammoojjii Somaaliyaa keessatti hafe.

Du'a Baaroo Tumsaatti aanee ABO irraan miidhama guddaa kan gahe hoggantoonni isaa 10 bakka tokkotti dhumuusaaniiti.

Dhaabichi dhumaatii hoggansa isaarraa kan ka'e caba isa mudate irraa dandamachuuf yeroo dheeraa akka itti fudhate qondaalonni dhaabichaa yeroo garaa garaatti yoo dubbatan ni dhagahama.

Abboomaan Gadaa Gammadaa wajjin, keessumaa erga Somaaliyaatti jalqaba hidhamanii bahanii biyyatti deeb

Marsaa lammataa ammoo karaa Ogaaden miilaan qaxxaamuruuf qondaalota ABO kanneen akka Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee), Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee), Yiggazuu Bantii (Doorii Barii), Umar (Falmataa), Faafaan Dooyyoo, Irranaa Qacalee, Marii Galaan, Dhaddachoo Boruu fa'aa wajjin gammoojjii Somaaliyaa keessatti hafe.

Du'a Baaroo Tumsaatti aanee ABO irraan miidhama guddaa kan gahe hoggantoonni isaa 10 bakka tokkotti dhumuusaaniiti.

Dhaabichi dhumaatii hoggansa isaarraa kan ka'e caba isa mudate irraa dandamachuuf yeroo dheeraa akka itti fudhate qondaalonni dhaabichaa yeroo garaa garaatti yoo dubbatan ni dhagahama.

Abboomaan Gadaa Gammadaa wajjin, keessumaa erga Somaaliyaatti jalqaba hidhamanii bahanii biyyatti deebi'anii hanga bakka tokkotti dhumansanitti xiiqii guddaadhan dhaaba ABO ijaarurratti humna guutuun hojjataa turuusaaniiti himama.

Abboomaa Mitikkuu akkuma maqaan qabsoosaa Abbaa Xiiqii jedhame nama xiiqin guutamee hojjataa tureefi dandeettii cimaa qabu akka ta'e himu Obbo Dheeressaa Qixxee.

Dandeettiin Abboomaa namoonni isa waliin baratan saboota biyyattii gara garaa keessaa dhufanillee dhugaa akka ba'aniif himama. fakkeenyaaf, ministirri muummee duraanii Itoophiyaa dandeetttii Aboomaa Mitikkuu nama diqisiifatu ture jedhama.

Mallas innumaattuu bakka Abboomaa Mitikkuu jirutti hin dubbatu ture. "Abbooman nama Laggasaaa [Mallas] Zeenaawwii fa'aa jala haasa'uu hin dandeenyedha.

"Xiiqidhaan waa hojjachuu jaallata. Abbaa Xiiqii jedhuun; humna tokko [humna waraanaa ABO] tokko Harar irraa fuudhee Ambo gara Waddeessatti dabarsuu keessatti shoora olaanaa taphate, jechuun umurii gabaabaa jiraate keessatti waan seenan ittiin isa yaadatu hojjachuusaafi osoo lubbuun jiraatee nama Mallas Zeenaawii fa'aa caalaa beekumsaafi dandeettii biyya gaggeessuu qabu akka ture kaasu.

Gaggeessitoota ABO Shinnigatti dhumaniifi Ebli 15 'Guyyaa Goototaa' jedhamuun yaadataman keessaa tokko kan ta'e Abboomaa Mitikkuu (Abbaa Xiiqii), nama umuriin xiqqaa ta'uu akka hin oolleefi yeroo ajjeefamu sana nama ganna 32 akka hin caalle dubbatu Obbo Dheeressaa Qixxe