Karaabichi moggaasa guyyoota ykn ayyaanota ji'a tokkoo keessaa kan jalqabaaf kennameedha. Jechi karaabicha jedhus hundeen isaa karaaba kan jedhu ta'ee, karaabni hiikaa deemsa karaa ykn godaansa jedhu kan qabuudha. Guyyaa/Ayyaana kana yaa'atu ardaa jilaa dhaquuf godaana waan ta'eef ayyaana yaa'i godaanu ta'ee beekkama. Yaa'i hiika deemsa, imala yookaan godaansa jedhu kan qabu ta'ee; akka himansaafi sirna bulchiinsa Gadaa Gujiitti, gurmaa'insa luboota/miseensota Sirna Gadaa dhimmoota ykn sirnoota sirna gadaa keessatti raawwatan raawwachuufi raawwachiisuuf ardaalee jilaatti imaluudha.Bu'uura kanaan, Karaabichi hiikaa wolfakkaataa yaa'a, godaansa, imalaafi deemsa jedhu qabaata. Guyyaan/ayyaanni kun imala taasifamuuf akka hiree/ faroo gaariitti kan ilaallmu waan ta'eef, kabajamaadha. Yaa'i/deemsi/godaansi gaafa kana taasifamu „qajeelaadha' jedhamee waan amanamuuf guyyaan kun eebbifamaafi milkaa'ina kan qabu ta'eeti amanama.Gama biroonis, „karaabni beellama sangaati' jedhamee beekkama. Beellama sangaa jechuunis, sangaa baay'ee guddaa ta'e jechuudha. Kunis, ayyaanaan walbira qabamee yoo ilaalamu guyyaa yaa'i, caasaan sirna gadaa kan gadaan deemuufi gadaa hogganu godaanu hawaasa Gujii biratti akka qaama olaanoofi guddaa ulfina qabu ta'ee ilaalamuuf ayyaana guddaadha. Kanaaf akka odimtootni/ dhaha dhooftonni himanitti ayyaanniifi moggaasni ayyaanichaaf/ guyyichaaf kenname hariiroo kallattii qaba. Haala kaanaan, karaabichi yaadrimee godaansa/ deemsa/yaa'a jedhu kan qabu. Gama biroon, akka Sirna Gadaa Gujiitti Yaa'i luboota/miseensota gadaati. Miseensonni gadaa ammoo, ardaa/ fulaa tokkotti sirnoota gadaa hinraawwatan. Yeroo gara yerootti, ardaa gara ardaatti deemuun/godaanuun sirnoota gara garaa raawwatu, hawaasas gama bulchiinsa siyaas-dinagdeefi hawaasummaan tajaajilu. (Obbo Kuraa Bariisoo, obbo Jaarsoo Bonayyaafi obbo Waaccuu Buudee irraa gaafa 16/08/2010fi obbo Qerqoo Darasaa, obbo Waataa Jaarraafi obbo Mokkonnaa Nagawoo gaafa 12-13/11/10).